Aadaa fi duudhaa ganamaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Aadaa fi duudhaa ganamaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Hagayya 20/2018 (ENA): Aadaa fi duudhaa ganamaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.
Imalli Aadaafi Duudhaa Oromoo ganamaa iddootti deebisuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaan taasifamaa jiru qabatamaan dhugoomaa jira.
Haaluma kanaan yaa'iin Sikkoo Mandoo Dhaddacha Odaa murtii deebisuu(haaromsuu) guyyaa har'aa sagantaa garaa garaan Aanaa Madda Walaabuu ardaa Jilaa Maddaatti gaggeeffamaa jira.
Yaa'ii kanaan seerri Dhaddacha Odaa Murtii kan Lallabamu yoo ta'u, sagantaa kana irratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Hoggantoonni Godina Boorana Bahaa, Godina Booranaa fi keessummoonni addaa addaa argamaniiru