Innisheetivii Misooma Ruuzii Omishtummaa Qonnaan Bulaa Jijjiire - ENA Afaan Oromoo
Innisheetivii Misooma Ruuzii Omishtummaa Qonnaan Bulaa Jijjiire
Mootummaan Omishaa fi Omishtummaa guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf Inisheetivoota adda addaa bocuun hojiirra oolchaa jira. Inisheetiviin kun wabii nyaataa mirkaneessuu, aadaa hojii jijjiiruu, nyaata hawaasaa fooyyessuu fi galii Qonnaan Bulaa dabaluu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru.
Kaayyoo Ijoo Inisheetiiviilee Qonnaa
Wabii Nyaataa: Oomisha midhaanii fi nyaataa gahaa ta'e oomishuun hanqina nyaataa ittisuu.
Carraa Hojii: Hojii dhabdootaa fi hawaasa naannoo hirmaachisuun carraa hojii bal'aa uumuu.
Haala Misooma Ruuzii Itoophiyaa
Misooma Ruuzii Itoophiyaa keessatti waggaa muraasa dura bal'inaan kan hin beekamne ta'us, yeroo dhiyoo asitti ariitiidhaan guddachaa kan jiruudha. Akkasumas damee Qonnaatti akkuma Qamadii xiyyeeffannoon kennameera. Itoophiyaatti yeroo ammaa Naannoolee Amaaraa, Oromiyaa, Gambeellaa, Beeniishangul Gumuzii fi Naannoo Kibbaatti bal'inaan oomishamaa jira.
Haala Oomiishaa fi Bal'ina isaa
Uwwisa Lafaa: Lafti hektaara miliyoonaan lakkaa'amu misooma ruuziitiif mijaawaa ta'us, yeroo ammaa lafti hektaara kuma dhibbootaan lakkaa'amu sirna kilaastaraatiin misomaa jira.
Dhaabbilee Qorannoo: Dhaabbileen akka Wiirtuu Qorannoo fi Leenjii Ruuzii Biyyaaleessaa Fogeraa sanyiiwwan fooyya'an kan haala qilleensaatiin waliif galan baasaa jiru.
Gabaa Ammayyaa: Ruuziin Gabaa Oomisha Itoophiyaa (ECX) keessatti galuudhaan sirna gabaa aadaatiin qofa osoo hin taane, waltajjii Elektirooniksii ammayyaatiinis daddabaalamaa jira.
Misoomni Ruuzii (Rice Farming) Itoophiyaa fi sadarkaa addunyaattis sektera qonnaa baay'ee murteessaa fi tarsiimo’aa ta'eera. Itoophiyaa keessatti "midhaan Tarsiimo’aa haaraa" jedhamee kan waamamu oomishni ruuzii, wabii nyaataa fi guddina dinagdee keessatti qooda olaanaa gumaachaa jira.
Haalota Misooma Ruuziitiif mijaa'oo ta'an
Bishaan Baay'ee: Sanyiiwwan Ruuzii hedduun yeroo guddina isaaniitti dhiyeessii bishaan olaanaa ykn jallisii lolaa barbaadu.
Qilleensa ho’aa: Midhaan kun qilleensa ho’aa 21°C hanga 37°C jiru keessatti haala gaariin guddata.
Biyyee: Biyyeen dhoqqee (Clay) kan bishaan qabachuuf dandeettii olaanaa qabu qonna ruuziitiif filatamaadha.
Naannoolee Oomishtoota Ruuzii Guguddoo Itoophiyaa
Baddaa Fogeraa (Gondar Kibbaa): Naannoo Oomishni Ruuzii qulqullina fi baay'ina olaanaa qabu bal'inaan itti oomishamudha.
Abaaboo Gambeellaa: Investimantii Qonna Ruuzii gurguddaaf lafa bal'aa fi bishaan baay'ee mijataa ta'e qaba.
Paawwii (Beeniishangul Gumuz): Naannoo oomitumaan ruuzii olaanaan itti galmeeffamudha.
Naannoolee Jallisiisoo Awash gidduugaleessaa: Naannoolee Qonni Ruuzii jallisiin deeggarame itti gaggeeffamudha.
Faayidaa gama dinagdeen qabu
Galii fi Sharafa Alaa: Oomishaalee gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyeessuun sharafa alaa argamsiisuu. Qonnaan bulaan misooma ruuzii irratti bobba’uun madda galiisaa dabalaa fi gabaa biyya keessaaf dhi’eessuun galiisaa dabalaa jira.
Misooma Ruuzii Oromiyaatti
Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee Qonnaatiif xiyyeeffannaa kennee hojii hojjechaa jiruun bu’aan qabatamaa imala badhaadhinaa dhugoomsuu danda’an galmaa’aa jiru. Damicha milkeessuufis innisheetivoonni bocamanii hojiirra oolaa jiran qabatamaan jiruufi jireenya qonnaan bulaafi horsiisee bulaa jijjiiruurra darbuun dinagdee biyyaa utubaa jira.
Inisheetiviin Oomisha midhaanii Makaanaayizeeshiniidhaan deeggaramuun hojiirra oolaa jiraachuun isaa ammoo yeroo gabaabaa keessatti milkaa’inni olaanaan akka argamu ta’aa jira.
Inisheetiviin Misooma Ruuzii hojii Qonnaa biyya keenya keessatti babal'achaa jiruudha. Kunis akka Naannoo Oromiyaatti Aanaalee misooma ruuziif mijatan keessatti hojiirra oolaa jira.
Inisheetiiviin misooma qonnaa tarsimoo fi Imaammata Qonnaa ammayyeessuu, wabii nyaataa mirkaneessuu, galii qonnaan bulaa guddisuu, fi sharafa alaa argamsiisuuf karoorfamuun hojiitti galamee jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, inisheetivoota galmoota qonnaa ariitiin akka milkeessan bocee hojiirra oolchaa jiruun, hunda caalaa omisha guddisuurratti bu'a gaggaariin argamaa jiru. Jalqabbii gaarii gama kanaan argame, gama oomishtummaafi qulqullinaatiin dabaluuf xiyyeefatameera.
Akkaatuma kanaan, Eksiteenshinii, Galteewwan Qonnaa, Teknoolojiifi sanyii filatamaa Inisheetivoota kanniinii, akkaataa garaagarummaa ‘agro-ecology’ (haala qilleensaa, gosa biyyee, hojii baramaafi kkf)’fi barbaadamummaa gabaatiin qopheessee hojiirra olchaa jira.
Dhuma bara 2014, Labsii Baddalleetiin Inisheetivii Ruuzii yemmuu ifoomsinu, qonni ruuzii godina tokko qofaatti kan daanga'e ture. Bara omishaa (2013/2014) kanatti, uwwisni Qonna Ruuzii Naannoo Oromiyaa lafa hektaara kuma 20 qofa yoo ta'u, callaan argame kuntaala kuma 800 kan hin dabarre ture.
Hojii bal’aa qormaatilee turan furuu irratti raawwatameen, yeroo gabaabaa keessatti gara Godinaalee Lixa Oromiyaa torbatti babaldhisuun danda’amera.
Caalaatti ammoo, hojii bal’aa Sanyii Ruuzii ‘agro-ecology’ gara garaatti madaqan baasuufi dhiyeessuu irratti raawwatameen, godinaaalee akka Harargee lamaaniitti babaldhisuun hojiirra oolaa jira.
Kanaanis, lafa banaa gammoojjii hanqina roobaatiin omishaan ala ture gara Misooma Ruuziitti galchuun, omisha waliigalaa dachaa hedduun guddisuun milkaa’era.
Bu'uuruma kanaan, waggaa sadii booda, bara omishaa 2016/2017 uwwisa kana gara hektaara miiliyoona 1 tuqaa 5tti guddisuun callaa kuntaala miiliyoona 53tuqaa 6 argachuun danda’ameera.
Imala milkaa’inaa kana keessatti, gahee hojii Makaanaayizeeshinii Qonnaa babal’isuu irratti raawwatamaa ture guddaadha.
Guddinni uwwisa lafaa fi omishaa kun, gabaa biyya keessaa tasgabbeessuu, ruuzii alaa galu hir’isuurra, darbees galma wabii nyaataa mirkaneessuuf qabame utubuu keessatti bu’aa qabatamaa agarsiisera.
Hundaa’ol ammoo, carraa hojii umuufi madda galii dabaluun, Maatii Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa fayyadamaa taasisaa jira.
Naannoo Oromiyaatti, bara omishaa 2017 irraa eegalee, xiyyeeffannoo isaa guutumatti oomishtummaafi qulqullina omisha ruuzii dabaluuf hojjetamaa tureera.
Akkaatuma kanaan, sanyii ruuzii omisha olaanaa kennan, dhibeefi ilbiisa dandamatan, akkasumas gabaa giddugaleessafi Idil-Addunyaa irratti barbaadaman qorannoon baasuufi dhiyeessuu irratti, xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira.
Gama birootiin, waldaalee bu’uuraa, akkasumas qonnaan bulaa fi horsiisee bultoota qusachiisuun Maashinoota Ruuzii (Polishers) dhiyeessuu jalqabeera.
Walumaagalatti, imalli ariitii hanga ammaa gama omisha dabaluutiin galmaa’e, waggoota muraasa keessatti fedhii biyya keessaa guutuun gara al-ergiitti ce’uuf dandeettii amansiisaa qabaachuu mul’ateera.
Biiroon Qonnaa Oromiyaa Ruuzii biyya alaati galu biyya keessatti oomishuun bakka buusuuf bara darabe lafa ruuziin irratti misoomu yeroo yeroon dabaluun hojjetamaa jira.
Karooraan ol facaasuun injifannoo boonsaa inisheetiivii Msooma Qamadiin argamaa jiru inisheetiivii misoooma Ruuziidhaanis galmeessisuuf hojjetamaa jira.
Karoora qabame kana milkeesuuf Qonnaan bultoonni, Horsiisee bultoonni, Hojjettoonni misoomaa, ogeessonni Qonnaa, gaggeessitoonniifi qooda-fudhattoonni karoora xiiqii misooma inisheetiivii ruuziirratti qabanne milkeessuun hojii seenaa qabeessaafi boonsaan hojjetamaa jira.