Sirna fayyaa Afrikaa ammayyeessuuf tumsa tarsiimawaa biyyootaa cimsuun murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Sirna fayyaa Afrikaa ammayyeessuuf tumsa tarsiimawaa biyyootaa cimsuun murteessaadha
Hagayya 19/2018 (ENA): Sirna fayyaa Afrikaa ammayyeessuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti tumsa tarsiimawaa biyyoota Afrikaa caalaatti cimsuun murteessaa ta’uu Pireezidaantiin RFDI Taayyee Atsiqasillaasee ibsan.
Yaa’iin 76ffaan Koreen Naannawaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Afrikaa Finfinnee Golambaa yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee yeroo kanatti akka jedhanitti, haala jijjiirama uumamaa fi rakkoolee namtolchee addunyaa irratti mul’achaa jiran sirna fayyaa lammiilee irratti dhiibbaa geessisaa jiru.
Kanaaf, Afrikaa sirna kunuunsa fayyaa lammiilee ishee ammayyeessuun, saaxilamummaa fayyaa haala addunyaa jijjiiramaa irraa dhufuuf dandeettii ofii isheetiin deebii kennuu qabdidha jedhaniiru.
Rakkooleen kunneen Afrikaaf tumsa naannawaa keessatti sagalee ishee waloo cimsachuu fi dhimma fayyaa ishee irratti abbummaa guutuu qabaachuuf carraa seenaa qabeessa uumu jedhani.
Afrikaan kallattii ifaa fi kutannoo qabu irratti hundaa’e, akkasumas tarsiimoo waloo qindaa’aa ta’e akka barbaaddu kan hubachiisan Pireezidaantichi, invastimantii biyya keessaa damee fayyaa irratti taasifamu guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Sirna fayyaa ardichaa ammayyeessuufis walitti hidhamiinsa tarsiimawaa cimsuun, qorichoota, talaalliiwwanii fi meeshaalee qorannoo fayyaa Afrikaan ofii isheetiin oomishuu akka dandeessu gochuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi Giddugala To’annoo fi Ittisa Dhukkubootaa Afrikaa gidduutti qindoomina hojii cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, murtoon walgahicharratti darbu hundi galma Ajandaa Afrikaa 2063 waliin walqabsiifamee hojiirra ooluu akka qabu hubachiisaniiru.
Kanaan walqabatee, Itoophiyaan fayyaa akka tarsiimoo invastimantii biyyaalessaa kan ilaaltu ta’uu ibsanii, baajanni damee fayyaaf ramadamu itti fufiinsaan dabalaa dhufuu dubbataniiru.
Invastimantii tajaajila fayyaa bu’uuraa irratti taasifameen tajaajilli fayyaa gara hawaasaatti akka dhiyaatu taasifamuu fi namoonni miliyoonaan lakkaa’aman tajaajila fayyaa irraa fayyadamoo ta’uu danda’aniiru jedhani.
Dabalataanis, baay’ina ogeeyyii fayyaa dabaluun sirna fayyaa cimsaa jiraachuu fi kunis carraa jireenyaa haadholii, daa’immanii fi ijoollee irratti fooyya’iinsa guddaa fiduu ibsaniiru.
Balaa fayyaa jijjiirama qilleensaa irraa dhufu qolachuufis Itoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa babal’isuun, namoota miliyoonaan lakkaa’aman hirmaachisuudhaan biqiltuuwwan hedduu dhaabuu ibsaniiru.
Hojiiwwan misoomaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiranis naannoo qulqulluu, fayya qabeessaa fi jiraattotaaf mijataa ta’e uumuu, akkasumas fayyaa fi sadarkaa jireenyaa uummataa fooyyeessuuf kan xiyyeeffate ta’uu Pireezidaantichi ibsaniiru.
Sirni fayyaa itti fufiinsa qabu tokko nagaa fi tasgabbii malee jiraachuu akka hin dandeenye kan ibsan Pireezidaantichi, Itoophiyaan Dilbata darbe marii biyyaalessaa hirmaachisaa, ilaalchawwan siyaasaa garaagaraa irraa kan dhufan hirmaattonni kuma 4 ol irratti argaman gaggeessuun, sadarkaa guddaa tokko irra ce’uu ishee dubbataniiru.
Dhumarrattis, Itoophiyaan invastimantii biyyaleessaa, tumsa naannawaa fi dhaabbilee ardichaa irratti deeggarsa cimaa kennuun gahee ishee bahachuuf guutummaatti qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #