Tamsaasa Kallatti:

Mariin Biyyaalessaa Tokkummaa,Wal-dhageettii fi Ijaarsa Itoophiyaaf Bu’uura kaa’uun milkiin xumurameera.      

   
Itoophiyaan biyya sabaa fi sablammoota hedduu of keessatti qabatteedha. Biyya sabdaneessaa, afaan, aadaa fi ilaalcha garaagaraa qabdudha. 


Mariin Biyyaalessaa adeemsifame, garaagarummaa jiru wal hubannaafi, yaada waliif qooduun, rakkoolee jiran waliin mari’achuun, akkasumas egeree biyya keenyaa waliin ijaaruuf carraa guddaa ta’uun seenaa biyyattii keessatti carraa biyya waloo ijaaruuf, Itoophiyaanonni milkiin marii kana goolabaniiru.



Mariin Biyyaalessaa gaggeeffamee carraa Itoophiyaa keessatti wal hubannoo, wal kabajuu fi waliigaltee cimsuuf taasifamee milkiin xumuramedha.

Rakkoolee waggootaaf kuufaman mariin hiikuun Itoophiyaa nagaa fi badhaate ijaaruuf karaa dheeraa deemuuf carraa guddaa ta’eera.  
Marii Biyyaalessaa keessatti sagaleen hundi dhaga’ameera,Namni hundi gaaffii, yaadaa fi fedhii naannoo, hawaasa, afaanii fi aadaa isaa bakka bu’ee dhufe, bilisaan yaada isaa ibsachuun, warri biroo immoo kabajaan isa dhaggeeffachuun, waldhageettii fi mariin rakkoolee waggoota baay’eef hidda gadifageeffatanii turan furuuf bu’uura ka’eera.


 

Marii kana keessatti garaagarummaan yaadaa kabajame, rakkoon jiru adda baafame, akkasumas furmaata irratti waliin hojjetaniiru.
Marii akkanaa keessatti yaadni naannolee fi hawaasota garaagaraa bakka bu’ummaan dhiyaatee, gaaffilee uummataa hubachuuf carraa guddaa uumeera. Kanaaf, gaaffiiwwan hawaasa adda addaa wal dhaggeeffachuun, irratti waliigalameera; kaan irratti garaagarummaan jiru immoo marii fi karaa nagaa ta’een akka furamu, kan guutummaatti hin hiikamne immoo fuulduraatti ce’uun bu’uura ijaarsa biyya cimaaf karaan saaqameera.


Kaayyoon guddaan Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa nagaa, misoomte, jireenya gaarii fi tokkummaa qabdu ijaaruudha. Biyya keessatti nagaan yoo jiraate, misoomni itti fufa; misoomni yoo jiraate, jireenyi uummataa fooyya’a. Biyya keenyaaf egeree waliinii uumuun dirqama dhaloota har’aati. Kanaafiis hirmaattonni Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa irratti hirmaatan itti gaafatamummaa guddaa itti kennamee galmaan ga’aniiru.


Tokkummaan jechuun garaagarummaa dhabuu miti; garaagarummaa keessa waliigaltee uumuu dha. Akkuma mukni tokko damee hedduu qabaachuun muka tokko ta’u, Itoophiyaanis sabaa fi sablammoota garaagaraa of keessaa qabduun, garaagarummaa ishee akka humnaatti fayyadamuun biyya cimtuu boruuf biyyoota kaaniif fakkeenya taate ijaaruuf dandeessisuu, ijaaruuf bu’uura kaa’anii darbaniiru.


Mariin Biyyaalessaa gaggeeffame akka carraa rakkoolee har’aa qofa furuutti osoo hin taane, biyya dhaloota dhufuuf taatu ijaaruuf dandeessisu irratti marii waloo taasisuun, nagaan waaraan biyya keessatti akka bu’uf marii fi marabbaan xumuraniiru.

Lammiileen Marii Biyyaalessaa irratti hirmaatanis Biyya nageenya, tokkummaa, haqaa fi misooma qabdu dhaloota egereef dabarsuun itti gaafatamummaa isaanii ba’ataniiru.


#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015