Qulqullina barnootaa naannichaa fooyyessuuf hojiin bu'a qabeessa ta'e cimee itti fufa - Pireesidaanti Ordiin Badirii - ENA Afaan Oromoo
Qulqullina barnootaa naannichaa fooyyessuuf hojiin bu'a qabeessa ta'e cimee itti fufa - Pireesidaanti Ordiin Badirii
Hagayya 18/2018 (ENA): Hojiin bu’a qabeessa qulqullina barnootaa naannichaa fooyyessuuf hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhan pireesidaantii Mootummaa Naannoo Hararii obbo Ordiin Badirii.
Obbo Ordiin Badiriin ijaarsa Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Moodeela Harar dabalatee pirojektoota adda addaa naannichatti ijaaramaa jiran daawwataniiru.
Haaluma kanaan hojiin naannicha keessatti hojjatamaa jiru keessumaa qulqullina barnootaa fooyyessuuf bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira jedhan.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018tiin naannichi barattoota dhibbentaa 22.76 dabarsuun sadarkaa lammaffaa bahuun fakkeenya kanaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Kunis bu’aa barattootaa fooyyessuuf hojii hojjetamaa jiruun alatti bu’uuraalee misoomaa fooyyessuudhaan qulqullina barnootaa fooyyessuuf hojiin hojjetamaa jiru bu’aa guddaa akka qabu kan agarsiisudha jedhan.
Ijaarsi Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Moodeela Harar yeroo ammaa ijaaramaa jiru gahumsa damichaaf gumaacha olaanaa akka qabus eeraniiru.
Pirojekticha yeroo gabaabaa keessatti xumuruun bara barnootaa 2019tti hojii baruu barsiisuu eegaluuf hojjetamaa akka jiru eeruun, ijaarsa cinaatti humna namaa gahumsa qabu dhiyeessuufis hojiin eegalamuusaa ibsaniiru.