Tamsaasa Kallatti:

Seenaa gammoojjii Oromiyaa jijjiiruu keessatti pirojektoonni Finnaa gumaacha olaanaa bahachaa jiru

Hagayya 18/2018 (ENA): Seenaa gammoojjii Oromiyaa jijjiiruu keessatti pirojektoonni Finnaa gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa ibse.

Godina Booranaa Aanaa Diilloo, Ganda Omoree keessatti pirojektiin Finnaa Lookoo Guddaan qorannoon isaa mirkanaa'eera. Akkasumas, Aanaa Guuchii, Ganda Erder keessatti pirojektiin Finnaa Malkaa Odaa qorannoon isaa xumuramee mirkanaa'eera.

Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa, Injinar Alamuu Raggaasaa, gammoojjiin Oromiyaa yeroo dheeraa rooba dhabuu fi hongeen irra deddeebiin mudachuun jireenyi hawaasa horsiisee bulaa rakkisaa turuu dubbataniiru.

Haala kana furuuf, Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa pirojektoota Finnaa adda addaa hojiirra oolchuun, bishaan kuusuu qofa osoo hin taane, jireenya hawaasaa fi oomishtummaa naannichaa jijjiiruuf hojii bal'aa hojjechaa jira jedhaniiru.


 

Pirojektoonni Finnaa Oromiyaa godinaalee gammoojjii keessatti qabatamaan hojiirra oolaa jiran, bu'aa abdachiisaa galmeessisaa akka jiranis kaasaniru.

Akka Injinar Alamuun kaasanitti Milkaa'ina kana bu'uura godhachuun, Godina Booranaa keessatti pirojektoota Finnaa haaraa qorachuu fi hojiirra oolchuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira.

Pirojektoota kanneen sadarkaa qorannoo irraa gara hojii qabatamaatti ceesisuuf, dizaayinii isaanii lafa irratti mirkaneessuuf daawwannaan hojii dirree gaggeeffamuun isaas dubbataniiru.

Pirojektoonni Finnaa kunneen yeroo gara fuulduraatti bishaan gahaa kuusuu fi yeroo hongee hawaasaaf wabii bishaanii ta'uu qofa osoo hin taane, bishaan dhugaatii beelladaa fi qonna jallisii babal'isuun oomishtummaa dabaluuf gahee olaanaa akka qabaatan ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015