Tamsaasa Kallatti:

Abdii fi Yeroo Haaromsaa: Simannaa Birraa

Uumaan marsaa yeroo fi waqtiilee gidduutti seenaa, yaadannoo fi mul’ata haaraa keessa nama dabarsa. Barri darbee barri yemmuu dhufu, tokko deemee tokko bakka yoo bu’u, hunduu yaadannoo kaa’anii deemu; jireenya nama dhuunfaa irraa eegalee waan seenessanii darban qabu. Kunis waanuma uumamaa ti. Marsaa marsaan waqtiin dabaree waljijjiiraa seenaa hojjetu.


 

Dukkana Gannaa, dimimmisa, bacaqii, qaqawweessa, bubbee fi obonboleettii, tiifuu fi rooba yandoo,rooba cimaa lolaa …achiis yaaddoo fidanii dhufu. Kaan ammoo hongee, caama, beelaa fi dheebuu fidanii kan dhufanis jiru. Hunduu bu’aas ta’e miidhaa mataa isaanii seenessanii darbu. Ganni jiraate malees gaarummaan hin jiru. Gannis ta’e Bonni,Birraas ta’e Arfaasaan waktiileen hunduu gahee mataa isaanii qabu. Kan Birraa Ammoo Adda Dha!


 

Bacaqiin Gannaa, dukkanni limixii, guutiinsi lageenii, bubbee fi qaqqawweessi, roobni yandoo fi cabbiin… yaaddoon… abdiif, ifaaf, mul’ata haaraaf yeroo itti iddoo gadi lakkisanii, harka kennatanii deemanii dha.Birraan yerootti asheenni gahee abdiin qonnaan bulaa qofaaf osoo hin taanee simbirroo fi lubbu qabeeyyii maraaf guufadha.

Yeroo kana, yeroo Birraa, midhaan facaafame, biqiloonni uumaan toora tooraan biqilanii,miidhaganii, bineensonni, beelladoonni, dargaggoonnii, ga’eessonni, jaarroleen yeroo itti aara galfatan, mataa ol qabatan, fuula ibsatanii kokkolfuu itti jalqabani dha. Eeyyee yeroo dukkanawaan darban sana dagachuu eegalan, abdii haaraatiin, ifaa fi lalisaan yeroo itti keessi, isaanii gammaduun buburraaqudha.

Bareedina Uumamaa: Siddisni, keelloon(adaan daraaree), kanneen biroonis daraaranii kannisa simatu.


 

• Miira Dargaggummaa: Qeerroo fi qarreenis dadhabbii Gannaa irraa boqotanii asheeta alanfachaa, dhiqatanii dibachaa ala ilaaluu, wal barbaaduu, walmadaaluu, boruuf, egeriif walgudunfachuu eegalu; marga jaalalaa, qabdii egeree walii hiixatu.

• Aadaa: Goobee fi Shinooyyeen… Hiyyooshee dareen sirba Masqalaa kan warra Maccaa… kamtu haa hafu, kamtu haa tarraa’u? Hunduu waltajjiiwwan abdiin haaraan ittiin ibsamu, kan barri haaraan ittiin simatamu, hawwiin nagaa fi guddinaa ittiin ibsamuu dha.

• Galateeffannaa: Sirnoonni daamaraa fi ibsaa, Irreeschaa, Hora Finfinnee (Doloolloo Biddeenaa), Harsadee, malkaa Ateetee fi kanneen biroo, waltajjiiwwan baatiiwwan Birraa keessa kutaaleen hawaasaa hundi toora tooraan, angafaa quxisuu aadaa isaanii itti ibsatan, nagaa fi gammachuu, quufaa fi badhaadhina waliif hawwan, uumaa hundaa oliif galata itti galchani dha.

Kana qofa miti. Loowwan kaloo dheedanii diddirriirfatu. Jabbileen ni burraaqu; Korommiin ni baroodu karra keessatti aangoo fudhachuuf wal falmatu; jibootni raaddeen sussuunfachuun, qaccee dheeressuuf, sanyii fufsiisuuf ergama ba’achuuf fiiggachuun amala yeroo kanaa ti; amala Birraa!

Hunda irraa adda! Birraan gammachuu, abdii, guddina, badhaadhina, ol ka’iinsa seenessa, rakkoolee dagachiisee hunda aara galfachiisudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015