Tamsaasa Kallatti:

Pirezidanti Taayyeen Ayyaana Mooliidaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan

Hagayya 19/2018(ENA): Pirezidantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee Ayyaana Mooliidaa sababeeffachuun hordoftoota Amantaa Islaamaaf ergaa baga ittin isin gahee dabarsaniiru.

Pirezidantichi ergaa dabarsaniin ayyaanichi kan nagaa,jaalalaa, gammachuufi waliif yaaduu akka tahu hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Ayyaanni Mooliidaa waggaan 1501ffaa har'a ganama irraa eegalee hordoftoota amantaa Islaamaatiin kabajamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015