Walgahiin Koreen Naannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa(WHO) 76ffaan Afriikaa Har'a Jalqaba - ENA Afaan Oromoo
Walgahiin Koreen Naannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa(WHO) 76ffaan Afriikaa Har'a Jalqaba
Hagayya 19/2018 (ENA): Walgahiin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) naannoo Afrikaa 76ffaan har’a magaalaa Finfinneetti ni eegala.
Walgahiin kun Waajjira Naannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Afriikaa waliin ta'uun kan qophaa'edha.
Akka odeeffannoo 'WHO' Naannoo Afrikaa baaseen walgahichi ajandaa fayyaa naannolee irratti mari’achuu fi tumsa ardiilee cimsuuf kan akeekedha.
Biyyoota Miseensota Naannoo Afrikaa 47 irraa ministiroota fayyaa, hoggantoota olaanoo fayyaa, hoggantoonni fayyaa idil-addunyaa, michoonni misoomaa, arjoomtootaa fi bakka bu’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) dabalatee bakka bu’oonni 600 ol walga’ii kana irratti ni hirmaatu.
Hirmaattonni hojiiwwan karoora fayyaa naannoo gamaaggamuun tooftaa fi yaada haaraa ni dhiyeessu jedhameera.
Sirna fayyaa cimsuuf, qaqqabummaa uwwisa fayyaa waliigalaa babal’isuuf, nageenya fayyaa fooyyessuuf, qophii balaa guddisuuf kallattii waloo ni kaa’uunis ni eegama.
Yaa'iin kuni hanga Hagayya 22/2018tti akka turu ibsameera.