Tamsaasa Kallatti:

Sirna Fayyaa Fooyyessuuf Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa deeggarsa taasisu cimsee itti fufa-Daayirektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adaanom

Hagayya 19/2018(ENA): Sirna Fayyaa Afrikaa fooyyessuuf Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa deeggarsa isaa cimsee itti fufa jedhan Daayirektarri Olaanaa Dhaabbatichaa Doktar Teediroos Adaanom.

Daayirektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Teediroos Adaanom sirna fayyaa Afrikaa fooyyessuuf 'WHO' deeggarsa isaa cimsee akka itti fufu dubbataniiru.


 

Doktar Teediroos walgahii 76ffaa Koree Naannawaa Afrikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti ergaa Viidiyoo Konfiraansiin dabarsaniiru.

Daayirektarichi ergaa isaaniitiin Afrikaan dhukkuboota dursitee ittisuu fi rakkooleef deebii saffisaa kennuu humna dandeessisan ijaaraa jirtii kaasuun guddina waliigalaa Afrikaa dhugoomsuuf damee fayyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.


 

Daayirektarri Olaanaan kun, dandeettii qoricha oomishuu guddisuu, qaqqabamummaa dhaabbilee fayyaa babal’isuufi dandeettii ogeeyyii fayyaa cimsuun, hojiiwwan kunneen milkaa’ina damee fayyaa Afrikaa fooyyessuuf akka gargaaran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015