Ayyaana kana waliin arka qalleeyyii deeggaruun kabajaa jirra- Abbootii amantaa fi hordoftoota amantichaa - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana kana waliin arka qalleeyyii deeggaruun kabajaa jirra- Abbootii amantaa fi hordoftoota amantichaa
Hagayya 19/2018 (ENA): Ayyaana Moliidaa waliin ta'uun harka qalleeyyii deeggaruun kabajaa jirra jedhan abbootiin amnataa fi hordoftoonni amantaa musliimaa magaalaa Jimmaa.
Ayyaanni Moliidaa 1,501ffaan magaalaa Jimmaa fi naannawa ishee keessatti haala gaarii ta'een kabajamaa jira.
Ayyaanni kun keessumaa mooraa Jimmaa Madrasatul Kihairiyaa keessatti namoota harka qalleeyyii gargaaruunii fi waliin maaddii qooddachuun kabajamaa jira.
Imaamni Masjiida Jimmaa Guddicha Muniir Sheek Mohaammad Abbadiggaa yeroo Moliida kabajnu namoota rakkataniif yaaduu fi gargaaruu qabna jedhan.
Sheek Mohaammad, ayyaanni Moliidaa ayyaana gammachuu fi nagaa ta’uu eeruun; Namoota rakkataniif yaaduu, kan beela’e nyaachisuu, kan daare uffachiisuu, namoota biroof madda gammachuu ta’uu akka qabamu dubbataniiru.
Carraa kanaan namoota harka qalleeyyii kuma shan ol waliin maaddii qooddachuu danda’uu isaanii dubbataniiru.
Hordoftootichaa kan ta'an Abbaas AbduSalaam gama isaaniin, hiikni ayyaana Moliidaa kan guutamu yeroo namoota rakkataniif yaannuu fi gargaarudha jedhani.
Amiir Xahaa fi Bahaqquu Nuuruunis gama isaaniin yeroo ayyaana qofa osoo hin taane yeroo kamiyyuu deeggaruun waliin jiraachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.