Itiyoophiyaan sirna fayyaa dijitaalaatiin dhukkuboota ittisuu fi yaaluun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jirti - Ministira Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan sirna fayyaa dijitaalaatiin dhukkuboota ittisuu fi yaaluun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jirti - Ministira Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa
Hagayya 19/2018 (ENA): Itiyoophiyaan sirna fayyaa dijitaalaatiin dhukkuboota ittisuu fi yaaluun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jirti jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa.
Yaa’iin 76ffaan Koreen Naannawaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Afrikaa Finfinnee Golambaa yaadannoo injifannoo Adwaatti eegaleera.
Sagantaa kana irratti pireezdaanti Taayyee Atsikeselassie, Dura taa'aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa, Ministiroonni Fayyaa biyyoota adda addaa, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee fayyaa naannoo fi idil addunyaa argamaniiru.
Walgahiin 76ffaan Koreen Naannawaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Afrikaa ajandaa fayyaa naannichaa bocuuf, tumsa cimsuuf, hawaasa fayyaa, nageenya qabuu fi dandamatu ardii kana keessatti ijaaruuf gargaara.
Gama kanaan Itiyoophiyaan waltajjii kana qopheessuun ishee sirna fayyaa walta’iinsaa naannichatti ijaaruuf kutannoo cimaa qabdu kan agarsiisudha.
Itiyoophiyaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi michoota biroo waliin ta’uun sirna fayyaa ishee cimsuu fi dhimmoota fayyaa yaaddoo biyyaalessaa ta’an furuu irratti guddina agarsiisteetti.
Hojiilee Itiyoophiyaan, qaqqabummaa tajaajila fayyaa bu’uuraa babal’isuu, raawwii sirna fayyaa cimsuu, fi weerara vaayirasii ‘Marburg’ milkaa’inaan to’achuu dabalatee, sirna fayyaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii itti fufiinsa qabu agarsiisa.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa waltajjicha irratti yaada kennaniin akka ibsanitti, dhiibbaan jijjiirama qilleensaa fi dhimmoonni kanaan walqabatan biroo sirna fayyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jiru jedhani.
Itiyoophiyaan qaqqabummaa fi qulqullina tajaajila fayyaa itti fufiinsaan fooyyessuuf tarsiimoo fayyaa biyyaalessaa irratti hojjechaa jirti jedhan.
Itiyoophiyaatti ogeessota fayyaa gahoomsuu fi dhaabbilee yaalaa ammayyeessuun du’a haadholii fi daa’immanii haalaan hir’achuu ibsaniiru.
Sirna fayyaa dijitaalaa qopheessuun dandeettiin birmadummaa fayyaa fi teeknooloojii mirkaneessuu uumamuus hubachiisaniiru.
Teeknooloojiin sirna fayyaa lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fidaa jiraachuu kan eeraan yoo ta’u,weerara Covid-19 irraa muuxannoon hedduun akka argame himaniiru.
Afriikaan rakkoo beekumsaa fi dandeettii akka hin qabne eeruun, qabeenya uumamaa ishee guutummaatti fayyadamuu qabdi jedhan.
Birmadummaa fayyaa Afrikaaf oomishni biyya keessaa murteessaa ta’uu cimsanii kan dubbatan yoo ta’u, Itiyoophiyaan Afrikaanota waliin tumsaan hojjechuuf kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.