Tamsaasa Kallatti:

Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ayyaana Moliidaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsani

Hagayya 18/2018 (ENA Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ayyaana Moliidaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Baga guyyaa dhaloota Nabihii Momaammad waggaa 1,501ffaan isin gahe jedhan.

Ayyaana Moliidaan yeroo itti maanguddoota keenya itti yaadannu, tokkummaa fi jaalal itti argisifnu, yeroo itti obsinuu fi gara laafessa taanu ta’’uu qaba jedhan.

Ayyaana guddaa dureeyyiin kan wayita kabajnu waan qabnurraa harka qalleeyyiif qooduun ta’uu qab jedhani.

Ayyaana kana kan kabajnu barnoonnii fi hojii gaariin Nabiihii Mohammad fakkeenya taasifachuun hojii gaarii isaan raawwatan raawwachuu ta’uu qab jedhani.

Kaayyoo gaarii dhaabbannuuf carraaquu, firii gaarii nama fayyadu kennuu, abboommii Rabbii hojiirra oolchuu fi kabachuun ta’uu qab jedhani.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015