Doktar Abiyyi Ahimad Ayyaana Moliidaa sababeeffachuun ergaa Baga ittiin isin gahee dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Doktar Abiyyi Ahimad Ayyaana Moliidaa sababeeffachuun ergaa Baga ittiin isin gahee dabarsan
Hagayya 18/ 2018 (ENA): Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiyyii Ahimad Ayyaana Moliidaa sababeeffachuun ergaa Baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) baga guyyaa yaadannoo dhalachuu Nabiyyii Mahaammad kan Ayyaana Mooliidaa waggaa 1501ffaatiin ittin isin gahe jedhan.
Doktar Abiyyi ergaa isaaniitin seenaa Nabiyyii Mahammad keessaa tokko dhalootni gaarummaa keessatti akka guddatu toora qabsiisuu tahuu ibsaniiru.
Kaayyoo itti waamaman kabajuu; kaayyoo sanaaf gatii kaffaluu; waan itti waamaman namoota biroof qooduu; akkasumas kaayyoo isaanii kabajanii jiraachuu ta’uu kan ibsan Doktar Abiyyi ergaa isaaniitiin kun hundi barumsa kitaabota kumaatamaan lakkaa’aman tahu kan danda’anidha jedhaniiru.