Tamsaasa Kallatti:

Oromiyaatti Hojii dhabdummaa bu'uurarraa furuu fi Oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jira

Hagayya 18/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti hojii dhabdummaa hir'isuu fi oomishtummaa dabaluuf,misooma guddina dandeettii irratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Carraa Hojii uumuu fi Ogummaa Naannichaa beeksise.

Naannoo Oromiyaatti rakkoo hojii dhabdummaa bu’uurarraa furuu fi omishtummaa guddisuuf hojiiwwan dandeessisan hojjetamaa jiru.

Naannichatti baay’ina dargaggootaa jiruu fi fedhii hojii dabalaa dhufe bu’uura godhachuun carraa hojii itti fufinsa qabu uumuun xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa ta’eera.


Sochiiwwan dinagdee fi carraaqqiiwwan carraa hojii uumuu kanaan dura taasifamaa turan, hanqina teeknikaa fi fedhii barbaaddota hojii biratti mul'atuun kan ka'e bu'aa yaadame fiduun hin dandaane.

Kaanifis, Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa Naannichaa rakkoo kana bu'uura irraa furuuf leenjii ogummaa fi dandeettii akka meeshaa ijootti fayyadamuudhaan, qaamolee mootummaa fi miti-mootummaa waliin hojmaata qindaawaa diriirsaa jira.

Waltajjiin marii har'a Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jirus, yaalii biirichi qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun ogummaa fi dandeettiin gahoomsuuf hojjetamaa jira.

Hogganaan Biirichaa Injiinar Eebbaa Garbaa akka jedhanitti, hojii dhabdummaa bu'uura irraa hir'isuuf, wabii nyaataa mirkaneessuu fi oomisha bakka bu'u oomishuuf nama leenji'ee fi dandeettii qabu baay'inaa fi qulqullinaan horachuun murteessaadha jedhaniiru.


Lammiileen Naannichaa Ogummaan of danda'uudhaan, hojii idilee cinaatti dandeettii fi hojii uumuunii (entrepreneurship) of cimsuu akka qaban ibsaniiru.

Humna namaa fi guddina dandeettii gabaan barbaadu irratti hojjechuun murteessaadha ta'uu eeranii; sektaroota adda addaa kanneen akka qonnaa, Barnootaa, Albuudaa, Saayinsii fi teeknoolojii waliin qindoominaan hojjechaa jirra jedhaniiru.

Gama biraatiin,itti gaafatamaan damee Guddina Dandeettii Biirichaa Obbo Nasraddin Qaadii akka jedhanitti, ka'umsi guddina dandeettii oggeessota gabaa irratti xiyyeefatan horachuu dha jedhaniiru.


Qabeenya fi dandeettii qulqullina naannoo adda baasuun, Pirojektoota Misoomaa, Hoteelota, Hawata Turizimii fi dameelee investimantii irratti xiyyeeffachuun leenjii dandeettii gaggabaabaa kan kennan ta'uu ibsaniiru.

Bara baajata haaraa keessatti carraa hojii bal'aa uumuuf leenjii dandeettii gaggabaabaa gabaa irratti xiyyeeffatan lammilee miliyoona 3 ta'aniif kennuudhaan gara hojiitti galchuuf karoorfamuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Kanaanis Naannichatti, godinaalee 21 fi magaalota 23 naannichaa keessatti qabeenya fi fedhii gabaa adda baasuun leenjiin gabbisa dandeettii kan kennamu ta'a jedhaniiru.


Biiroo Barnootaa Oromiyaatti daarektarri sagantaa Barnoota Sadarkaa 2ffaa Dr.Mangistuu Lataa akka ibsanitti , humna namaa dandeettii fi ogummaaan gabbate horachuufi waliiin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu isaanii ibsaniiru.

Daarektarri kun akka jedhanitti barattoota kutaa 7ffaa fi 8ffaatiif barnoonni dandeettii kennamaa jira, kan jedhan yoo ta'u, barattoota kutaa 11ffaa fi 12ffaatiifis barnoota ogummaa kennuuf ogummaawwan 23 adda ba'anii qophaa'uu isaanii dubbataniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015