Tamsaasa Kallatti:

Yaa'iin Sikkoo Mandoo Dhaddacha Odaa murtii haaromsuu eegale

Hagayya 18/2018 (ENA): Yaa'iin Sikkoo Mandoo Dhaddacha Odaa murtii haaromsuu gaggeeffamuu eegalee jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa Oromoo bakkasaa ganamaatti deebisuuf sochiiwwan haaromsa aadaa taasisaa jiruun bu'aawwan gaggaariin tokkummaa sabichaa itichanii fi eenyummaa isaa tiksan argamaa jira.

Haaluma kanaan, Godina Boorana Bahaa Aanaa Madda Walaabuutti yaa'iin sikkoo mandoo dhaddacha Odaa murtii haaromsuu marii paanaaliin kabajamaa jira.


 

Marii kana irratti haasawaa kan taasisan Bulchaan Godina Boorana Bahaa obbo Abdurazzaq Huseen Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa Oromoo bakkasaatti deebisuuf sirna kaleessa dhiibame deebisee ijaaruun aadaa Oromoo haarmsaa jiraachuufi hojiin gama kanaan hojjetames bu'aa gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaddachi Odaa murtii kun waggaa 144 booda deebi'ee haaromfamaa jiraachuus ibsaniiru.

kunis aadaafi duudhaa Oromoo bakkatti deebisuuf hojii hojjetamaa jiru ta'uu dubbataniiru.


Yaa'iin Sikkoo Mandoo Dhaddacha Odaa murtii haaromsuu gaggeeffamaa jiru kunis bu'aa aadaafi duudhaa Oromoo bakkatti deebisuuf hojjetamaa jiru ta'uu kaasuun, kanaaf sirna ijaaramaa jiru tifkachuuf Oromoon hunduu qooda isarraa eegamu akka ba'atu dhaamaniiru.

Yaa'iin Sikkoo Mandoo Dhaddacha Odaa murtii haaromsuu kunis sagantaalee garaa garaan hagayya 18 hanga 20 bara 2018tti Aanaa Madda Walaabuu Ardaa Madda Walaabuutti ni gaggeeffama.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015