Birmadummaa Biyyaa Kabachiisuuf Qophiidha –Eebbifamtoota Komandoo koorsii Tsinaat - ENA Afaan Oromoo
Birmadummaa Biyyaa Kabachiisuuf Qophiidha –Eebbifamtoota Komandoo koorsii Tsinaat
Hagayya 18/2018 (ENA)- Leenjii argataniin dirqama biyyaa isaanitti kennamu bu'a qabeessummaan ba'achuun birmadummaa Itoophiyaa kabachiisuuf qophii ta'uu isaanii leenjitoonni komaandoo bu'uuraa koorsii Tsinaat Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa irraa eebbifaman ibsan.
Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa komaandoo bu'uuraa leenjii Tsinaat marsaa 45ffaatiif leenjise eebbisiiseera.
Sagantaa eebbaa kana irratti kan argaman Itaamaajor Shuumiin Humnoota Waraanaa walii galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ergaa dabarsaniin; humni qilleensaa fi komaandoon dandeettii qaamaa, cichoomaa fi beekumsa waraana olaanaa isaatiin kallattii lolaa jijjiiramaa ta'uu isaa dubbataniiru.
Eebbifamtoonni komaandoo bu'uuraa koorsii Tsinaat ENA waliin turtii taasisaniin; leenjii fudhataniin muuxannoo fi dandeettii waraana olaanaa horachuu isaanii ibsaniiru.
Eebbifamtoota keessaa komaandoo bu'uuraa Abduulsalaam Siyyum; biyya malee ummanni, ummata malee biyyi adda bahanii ilaalamuu akka hin dandeenye dubbateera.
Birmadummaan biyyaa eegamee akka turuuf waraana irraa waan baay'een akka eegamu ibsuun biyya jaallachuun loltummaan tajaajiluu ulfina waan ta'eef leenjii waraana argateen biyya isaa tajaajiluuf qophii ta'uu isaa mirkaneesseera.
Itoophiyaa ogummaa waraanaan tajaajiluuf leenjii Tsinaat fudhatte xumuruu isheetiin gammaduu kan dubbatte komandoo bu'uuraa Fantaayee Yaadataa gama isheetiin;leenjii waraana fudhatteen Itoophiyaan dirqama biyyaa ishee irraa feetu hundumaa irratti gahee ishee gahumsaan ba'achuuf qophii ta'uu ishee ibsiteetti.
Eebbifamaan biraan komandoo bu'uuraa Daagim Daawwit; turtii leenjii isaatiin barnoota waraana dandeettii qabu ta'uu isa dandeessisuu fi muuxannoo argachuu isaa dubbateera.
Adeemsa leenjii sirnaan xumuruu isaatiin gammaduu ibsee, fuula durattis nagaa biyyaa eegsisuuf qophii ta'uu isaa beeksiseera.
Komaandoo bu’uuraa Mulgeetaa Girmaa jaalalli addaa ogummaa waraanaatiif qabu gara Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaa seenee leenjii hordofuu kaka’umsa qabaachuu ibsee; wiirtuu sanatti leenjiiwwan adda addaa fudhachuu isaa fi fuula durattis dandeettii waraana horateen daangaa biyya isaa eeguuf qophaa’uu isaa dubbateera.
Komaandoo bu'uuraa Qaalkidaan Geetaahuun gama isheetiin; Wiirtuu Leenjii Ajaja duula Addaatti leenjiin waraana fudhatte biyya ishee tajaajiluuf ga’oomuu fi qophii akka ishee taasise ibsitee, dandeettii waraana horatteen dirqama biyyaa isheef kennamu bu'a qabeessummaan ba'achuuf qophii ta'uu ishee mirkaneessiteetti.