Tamsaasa Kallatti:

Kubbaan galchii ''Harka Waaqaa” (Hand of God) jedhamee waamamu gatii qaaliin gurgurame

Hagayya 18/2018(ENA): Kubbaan lammiin Arjeentinaa Diyaagoo Armaandoo Maaraadoonaa ittin seenaa ajaa'ibaa hojjete caalbaasiif dhiyaachuun gatii qaaliin gurguramuun ibsameera.

Seenaan kun bara 1986 tapha waancaa addunyaa Arjeentinaafi Ingiliz walmorkachiiserratti kan dalagame yoo tahu, kubbaan Maraadoonaan galchii “Harka Waaqaa” (Hand of God) jedhamee waamamu ittin galche caalbaasiif dhiyaate gatii qaaliin gurgurameera.

Kubbaan taphichaa addunyaa irratti beekamtii guddaa qabu kun, caalbaasii irratti Doolaara Ameerikaa Miliyoona 3.35tti gurguramuun ibsameera.

Maradoonaan kubbaa kanaan Wancaa Addunyaa bara 1986 irratti Ingilaandii waliin taphatee galchiiwwan seenaa keessatti hin dagatamne lama galcheera.

Akkasumas, hidhannoon seena qabeessi Maradoonaan tapha sana irratti uffatee taphate bara 2022 Doolaara Ameerikaa Miliyoona 9.28'tti gurguramuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015