Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi hospitaalota ammayyaa damee dhuunfaatiin misooma fayyaa magaalichaa fi babal'ina turizimii yaalaa keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira - Kantiibaan Adaanech Abebe

Hagayya 17/2018 (ENA): Ijaarsi hospitaalota ammayyaa hedduu damee dhuunfaatiin misooma fayyaa magaalichaa fi babal’ina turizimii yaalaa keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Hospitaala Meedikaalaa Niwuu Laayiv Kompileeksii tajaajilaaf banaa taasisuu ibsaniiru.

Kantiibaa Adaanech ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Hospitaala Meedikaalaa Niwuu Laayiv Kompileeksii hojii eegalchiisuu ibsuun baga gammaddan,baga gammadne jedhaniiru.


 

Hojiin Magaalaa Finfinnee giddu gala turizimii fayyaa taasisuu mootummaa qofaan kan galma gahu osoo hin taane damee invastimantiifi dhaabbilee dhuunfaatiinis xiyyeeffannoo kennuun akka barbaachiisu Hospitaalli Meedikaalaa Niwuu Laayiv Kompileeksii har’a eebbifamuun tajaajilaaf banaa tahe kun ragaa tokko tahuu hubachiisaniiru.

Kantiibaa Adaanech Hospitaalli Meedikaalaa Niwuu Laayiv Kompileeksii amma tajaajilaaf banaa tahe Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Laaftootti aane sadarkaa 2ffaa PET-CT Scan CAT Lab qabu yoo ta’u, teeknoloojiiwwan ammayyaa biroo guutummaatti kan qabate giddu gala fayyaa guddaadha jedhaniiru.


 

Misoomni Invastimantii damee fayyaa irratti taasifamu bu’aan isaa hundaa ol waan ta’eef, dhaabbilee fayyaa fi hospitaalota akkanaa damee fayyaarratti hojjetaniif deeggarsa keenya cimsinee itti fufna jedhaniiru Aadde Adaanech.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa toora miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Hundeessaafi Hogganaa Hospitaala Meedikaalaa Niwuu Laayiv Kompileeksii Dr. Imaan Abdulrahmaan fi maatii isaanii misooma lubbuu baraaruurratti xiyyeeffachuun hojjetaniif galata dhiyeessaniiru.


 

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015