Tamsaasa Kallatti:

Dhimmoota biyyaalessaa mariidhaan hiikuuf tattaaffiin taasifamu seenaa Itiyoophiyaa keessatti taatee guddaadha

Hagayya 17/2018 (ENA) : Dhimma biyyaalessaa mariidhaan hiikuuf tattaaffiin taasifamu seenaa Itiyoophiyaa keessatti taatee guddaadha jedhani Abbootiin amantaa fi maanguddoonni Godina Wallaggaa Lixaa ENAtti himan.

Lammiileen Itiyoophiyaa duudhaa bara dheeraa waldhabdee hiikuu, araaraa fi mariitiin furuu kan qaban yoo ta’u, beekumsa mandhalee kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Adeemsi marii seena qabeessa kun wal amantaa paartilee siyaasaa fi ummata gidduu jiru cimsuun, imala jijjiiramaa fi misoomaa biyyattii saffisiisuuf dandeettii haaraa kan uumu ta’uun ni amanama.

Yaada isaanii ENAtti kan himan Abbaan amantaa Wallagga Lixaa Hajii Tamaam Boonsaa akka himanitti, sadarkaa hawaasaa hunda hirmaachisuun rakkoolee mudatan mariidhaan hiikuuf tattaaffiin itti fufee jiru biyya dhaloota dhufuuf mijatu dabarsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan. Mariin Biyyaalessaa kuni wal dhabdee yeroo dheeraaf ture furuuf gargaara jedhaniiru.

Abbaan Gadaa Biraanuu Ayyaanaa gama isaaniitiin akka himanitti, Waldhabdeewwan darban mariin hiikuuf tattaaffiin taasifamaa jiru paartilee siyaasaa fi ummata jidduutti wal amantaa uumaa jira jedhan.

Duudhaan bara dheeraa rakkoolee jidduu seenummaa fi mariitiin furuu jiraachuun milkaa’ina marii kanaaf bu’uura guddaa ta’uu ibsuun, mariin kun muuxannoo kana eeguuf gahee olaanaa akka taphatu ibsaniiru.

Mariin kun garaagarummaa siyaasaa yeroo dheeraaf turee fi dhimmoota hawaasummaa furmaata hin arganne hiikuuf ga’ee guddaa akka qabu kan himan immoo Abbaa Gadaa Waaqgaarii Oljirraa dha.

Kunis dhaloota itti aanuuf rakkoolee mariin hiikuu fi waldhabdee uumaman furuuf marii filannoo jalqabaa taasisuu irratti muuxannoo kan kennu ta’uu ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015