Yaa’ii marii Biyya cimaa ijaaruuf bu'uura kaa'e. - ENA Afaan Oromoo
Yaa’ii marii Biyya cimaa ijaaruuf bu'uura kaa'e.
Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Biyya cimaa fi dhaloota mariitti amanu ijaaruuf bu’uura kan kaa’e ta’uu mari’attoonni adda addaa ibsaniiru.
Walgahiin xumuraa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshiniitti gaggeeffamaa ture kaleessa sagantaa cufinsaan xumurameera.
Mari’attoonni yaada isaanii ENA’f kennanis yaa’ichi yaada adda addaa walitti qabuun dhaloota haaraa fi ijaarsa biyyaaf bu’uura kaa’uuf carraa kan uume ta’uu ibsaniiru.
Mari’attoota keessaa Ayinaalem Muunaan yaa’ichi waltajjii yaadota rakkoo durii fi waliigaltee dhabuu hiikuu danda’an kan itt argame ta’uu ibsani.
Konfiraansii kanarratti hirmaachuu isaaniitti gammaduu ibsuun, konfiraansichi mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaadha jedhan.
Mar’ataan kan biraa obbo Ayyuu Katamaa marii biyyaalessaan yaadota dhaloota dhufuuf bu’uura ta’an irratti marii gadi fageenyaa gaggeessuun rakkoo furuuf furmaata ijoo ta’uu ibsaniiru.
Mari’ataan biraan obbo Fayisal Jibriil gama isaaniin, mariin biyyaalessaa kun hunda kan hammate ta’uu ibsuun, kunis biyya cimtuu fi dhaloota mariitti amanu ijaaruuf bu’uura kaa’eera jedhan.