Tamsaasa Kallatti:

Hirmaattotni walga’ii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Koree Naannawaa Afrikaa 76ffaa sosochii qaamaa hojjetan

Hagayya 17/2018(ENA) :Finfinneen walga’ii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Koree Naannawaa Afrikaa 76ffaa keessummeessaa jirti.

Hirmaattotni walga’ichaa marii gaggeessuun cinaatti ganamaan sosochii qaamaafi deemsa miilaa gaggeessaniiru.

Sochiin qaamaa taasisan kun mata duree “Marii gara gocha qabatamaatti” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, kaayyoon isaa dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuufi jireenya fayyaalessa ta’e babal’isuudha jedhameera.


 

Saganticharrrratti Ministira Fayyaa, Doktar Maqdas Dhaabaa dabalatee Ministiroonni Fayyaa Biyyoota Afrikaa, hoggantootni hojii mootummaa olaanoon, hoggantoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, akkasumas Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Silashii Sihiiniifi atileetonni biroon hirmaataniiru.

Hoggantootni damee fayyaa sosochii kana irratti hirmaatan, sochiin qaamaa dhukkuboota daddarboo hin taane, kanneen akka dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba onnee ittisuu keessatti faayidaa guddaa akka qabu hojii irra oolmaa isaatiin agarsiisuuf kan kaayyeffate akka ta’e himameera.

Hirmaattonni walga’ii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Koree Naannawaa Afrikaa 76ffaan kunniin tarsiimoowwan fayyaa Afrikaa fi kallattiiwwan hojii gara fuulduraa irratti marii akka gaggeessanis ibsameera.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015