Evertan, Liidsi Yunaayitid fi Episiwiich Taawun injiftan - ENA Afaan Oromoo
Evertan, Liidsi Yunaayitid fi Episiwiich Taawun injiftan
Hagayya 16/2018 (ENA)-Taphoonni piriimar Liigii Ingilizii guyyaa lammaffaa torbee tokkoffaa gaggeeffamaa jiru.
Tapha galgala kana Istaadiyeemii Bahiil Diikinsanitti gaggeeffameen Evertan Kiriistaal Paalaasiin 2 fi 0’n mo’ateera.
Kiirnaan Dewusbarii-Hool fi Tiiyernoo Baarii goolii ittiin moannaa kana galchaniiru.
Bara dorgommii darbee sadarkaa 13ffaan kan xumure Evertan tapha liigichaa isa jalqabaatiin milkaa’eera.
Morkataansaa Kiriistaal Paalaas dorgommicha injifatamuun eegaleera.
Tapha Istaadiyeemii Siitii graawunditti gaggeeffameenLiidsi Yunaayitid Notiingihaam Forastiin 1 fi 0’n mo’ateera.
Antoon Istaach galchii mo’annaa kana galcheera.
Tapha Portimaan Rooditti gaggeeffameen haaraa kan guddate Epsiwiich Taawun Sandarlaandiin 2 fi 1’n mo’ateera.
Emersanii fi Jaak Kilaarki Epsiwiichiif galchaniiru. Niilsan Anguloo Sandarlaandiif galcheera.
Galgala kana sa’aatii 1 fi daqiiqaa 30tti Bireentifoordi Totanihaam Hotisparsi Istaadiyeemii Jiiteek komuniitiitti ni taphatu.
Sagantaa har’aa guyyaa keessa gaggeeffameen haaraa kan guddate Huul siitiin Manchistar Yuunaayitidiin 2 fi 0’n mo’ateera.
See less