Tamsaasa Kallatti:

Baay’inni barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa ittiin darban galmeessisan fooyyee agarsiiseera-Ministeera barnootaa

Hagayya 16/2018 (ENA)- Baay’inni barattoota qabxii qormaata kutaa 12ffaa bara 2018 ittiin darban galmeessisan fooyyee agarsiisuusaa Ministeerri barnootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa ibsan.

Ministeerri barnootaa qabxii barattootaa qormaata kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 qoraman ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ministirri barnootaa piroofeesar Birhaanuu Naggaa akka ibsanitti, bara barnootaa baranaa barattoota qormaataaf galmaa’an kuma 563 fi 960 keessaa kuma 550 fi 210 qormaata fudhataniiru.

Kanneen keessaa kuma 70 fi 544 ykn dhibbantaan 12.8 kan caalan dhibbantaa 50 ol fiduun qabxii ittiin darbamuu galmeessisaniiru.

Bara 2017 barattoonni qormaata darban dhibbantaa 8 tuqaa 9 ture.

Akka ibsa ministirichaatti, dhibbantaan kun dameelee barnootaan yoo ilaalamu saayinsii uumamaatiin dhibbantaa 16.6, saayinsii hawaasaatiin dhibbantaa 8.33 qabxii ittiin darbamuu galmeessisaniiru.

Qabxii olaanaa ilaalchisee saayinsii uumamaatiin dhiiraan naannoo Oromiyaatti barataan mana barumsaa boordiingii Adaamaa Odaa Ispeeshaalii qabxii 591.6 argachuun qabxii olaanaa yoo galmeessisu, dubartootaan ammo naannoo Amaaraatti barattuun mana barumsaa Injibaaraa Agawu Midir qabxii 583 argachuun qabxii olaanaa galmeessifteetti.

Damee saayinsii hawaasaatiin dhiiraan qabxiin olaanaan 576 akkasumas dubartootaan 569 ta’uun galmaa’eera.

Manneen barnootaa 88 barattoota isaanii guutummaatti yoo dabarsan, maneen barnootaa 565 ammoo barataa tokkollee hin dabarsine.

Waggoottan darban waliin wal bira yoo qabamu barana barataan lakkoofsa fooyya’aa qabu qabxii ittiin darbamu galmeessisuusaatiin baay’inni barattoota gara sagantaa remediyaaliitti galanii ni hir’ata.

Qabxiin gara Yunivarsiitii fi remediyaaliitti ittiin galamuu fuulduratti akka ifoomu ministirichi eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015