Tamsaasa Kallatti:

Marichi milkaa’inaan xumurameera – Komishinicha

Hagayya 16/2018(ENA)- Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 eegalame marii torbeewwaniif gaggeeffameen booda guyyaa har’aa milkaa’inaan xumuramuusaa komishiniin marii biyyaalessaa beeksise.

Itti aantuun komishinarii olaanaa komishinichaa Hiirut Gabrasillaasee yaa’ichi xumuramuu iilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin Itiyoophiyaanonni kuma 4 waltajjii seena qabeessa kanarratti walitti dhufuudhaan ajandaawwan biyyaalessaa ijoo ta’an saddet irratti mari’achaa turuusaanii yaadachiisaniiru.

Dhumarrattis mari’attoonni yaada furmaataa waldhabdeewwan bara dheeraaf turaniif furmaata ta’an qindeessanii komishinichaaf kennuusaanii dabalanii ibsaniiru.

Adeemsa Kanaan mari’atoonni dhimmoota tokko tokko irratti salphaatti walii galaa, dhimmoota tokko tokko irratti ammoo yeroo fudhatanii marii cimaa taasisuudhaan dhumarrattis dhimmoota hedduurratti walii galuusaanii dubbataniiru.

Komishinichi adeemsicha yemmuu hordofu waltajjiiwwan marichaa hundi wal dhaaggeeffachuun, wal kabajuunii fi wal danda’uun raawwatamaa akka ture mirkaneessuun akka danda’ame itti aantuun komishinarii olaanaa Hiirut dubbataniiru.

Kaayyoon marii biyyaalessaa qaamoleen qooda fudhattootaa garaagarummaa qaban mari’atanii walii galtee uumuudhaan fuulduratti waliin tarkaanfachuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru.

Mariin biyyaalessaa mo’aa fi mo’atamaa adda baasuu miti kan jedhan itti aantuun komishinara olaanaa Hiirut, adeemsi kun dorgommii gamni tokko mo’atamee gamni biraa itti mo’atu miti jedhaniiru.

Akka ibsa itti aantuu komishinara olaanaa Hiirutitti marii Kanaan Itiyoophiyaanonni wal baraniiru, hariiroo cimaa uumaniiru, ilaalchota garagaraa dhaggeeffataniiru, akkasumas qormaatilee biyya keenyaa ilaalchisee yaada wal jijjiiraniiru, dhumarrattis walii galteerra gahaniiru.

Yaa’iin marii biyyaalessaa kun garaagarummaa Itiyoophiyaan akka biyyaatti qabdu mariin furuu akka dandeessu kan itti agarsiifte boqonnaa seena qabeessadha jechuun dubbataniiru.

Milkaa’ina yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf qaamota gumaacha taasisan hunda maqaa komishinichaan galateeffataniiru itti aantuun komishinara olaanaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015