Tamsaasa Kallatti:

"Izzichi ergama ummataa fi biyyarraa kennamuuf kamiyyuu kan kaleessaatiin olitti raawwachuuf qophaa’eera-Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa

Ajajaan olaanaa izzii duulota addaa Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa kana kan ibsan, Izzichi leenjifamtoota komaandoo koorsii ‘Tsinaat’ marsaa 45ffaa wiirtuu leenjii Bilaatteetti hordofaa turan wayita eebbisiisettidha.

Ajajaan olaanaa kun sagantaa eebbaarratti akka dubbatanitti, izziin duulota addaa qophii loltummaa fi dandeettii raawwachiisummaasaa sadarkaa olaanaatti guddisaa jira. Izzichi “bakkaa fi yeroo barbaachisetti, dirqama mootummaa, ummataa fi dhaabbata keenyarraa nuuf kennamu kamiyyuu kan kaleessaa caalaa raawwachuuf kan diinonni tilmaamaniin olitti qophoofneerra” jedhaniiru.


Izziin duulota addaa erga hundeeffamee kaasee dirqamoota biyyaalessaa gurguddoo hunda ga’umsa olaanaatiin raawwachaa kan dhufe humna cimaa ta’uusaa kan ibsan Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, Izzichi yeroo fi haala rakkisaa keessatti adda durummaadhaan biyyaa fi ummatasaa bala itti aggaamamerraa baraaruusaa dubbataniiru.

Izzichi har’as seenaasaa eegsisee imaluu fi dirqama biyyaaf caalaa of qopheessuuf, karaa yeroon gaafatuun humoota addaa Itiyoophiyaa madaalan sadarkaa olaanaatti ga’oomsaa fi humnasaa cimsachaa akka jiru dubbataniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015