Bu'uuraalee Misoomaa tajaajila Geejibaa Hawaasaa ammayyeessuun balaa tiraafikaa hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bu'uuraalee Misoomaa tajaajila Geejibaa Hawaasaa ammayyeessuun balaa tiraafikaa hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
Hagayya 16/2018 (ENA) — Naannoo Oromiyaatti tajaajila Geejibaa hawaasaa ammayyeessuun, hanqina geejjibaa fi balaa tiraafikaa mudatu hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Geejjibaa Oromiyaa beeksise.
Ejensichi guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa kennuun, tajaajila geejibaa hawaasaa mijataa, saffisaa fi nageenyisaa amansiisaa ta’e diriirsuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Hojiiwwan kunneen tajaajila Geejibaa ammayyeessuu fi si’ataa taasisuu qofa osoo hin taane, balaa tiraafikaa hir’isuufis gahee olaanaa kan qaban ta’uu,Daarektarri Olaanaan Ejensii Geejjibaa Oromiyaa, Obbo Kamaal Maammee himaniiru.
Rakkoo hanqina Geejjibaa bu’uura irraa furuuf dhimmoota sadii irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Hojiiwwan kunneenis naannichatti tajaajilli Geejjibaa qaqqabamaa akka ta’u taasisuu, gahumsi konkolaachistootaa fi konkolaataa akka mirkanaa’u taasisuu, akkasumas tajaajilli Geejjibaa nageenyi isaa mirkanaa’e akka uumamu ta’uu ibsaniiru.
Naannichatti hojii buufataalee Konkolaataa Teeknoolojiin deeggaraman babal’isuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Kamaal ibsa isaaniin eeraniiru.
Naannichatti buufataalee Geejjiba uummataa 385 olitti tajaajilli tikeettii maamiltootaa Oro Dijitaalaa hojiirra ooluu isaa eeranii, kanaanis al-seerummaa hir’isuun danda’ameera jedhaniiru.
Dabalataanis, seera darbuu, teessoo olitti fe’uu, taarifaa olitti kaffalchiisuu fi yakka seeraa walfakkaatan kan raawwatan konkolaachistoota onlinen adabuu irra darbee, tajaajila bilbilaa tolaa 8556 hundeessuun imaltoonni eeruu fi komii adda addaa akka kennan taasifamuu ibsaniiru.
Gama biroon, naannicha keessa dhaabbileen leenjii konkolaachistootaa 220 kan jiran ta’uu himanii, kanneen keessattis konkolaachistoonni gahumsa isaanii akkataa itti mirkanaa’uu danda’uun leenjiin gahumsa qabu kennamaa jiraachuu himaniiru.
Leenjiiwwan kunneenis qulqullinni isaanii akka mirkanaa’uuf teeknoolojiin deeggaramee kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa, tajaajila geejjibaa hawaasaa fooyyeessuu fi nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalame cimsuun, qaamolee adda addaa fi hawaasa waliin qindoominaan hojjechuuf xiyyeeffannoo addaa kennamaa jiraachuu beeksiseera.
See less