Tamsaasa Kallatti:

Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa Afrikaanotaaf Fakkeenya Kan Ta’udha – Oliseeguun Obosaanjoo

Hagayya 16/2018 (ENA) – Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa Afrikaaf fakkeenya guddaa ta’uu danda’a jechuun Pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii fi Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Gaanfa Afrikaaf, Oliseeguun Obosaanjoo, ibsan.

Sagantaan Cufiinsaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Giddugala Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.

Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa fi Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Gaanfa Afrikaa, Oliseeguun Obosaanjoo, Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.


Yaa’iin kun milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha kan taasisan qaamolee hundaaf baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Mariin Biyyaalessaa nageenya waaraa fiduuf kan dandeessisu ta’uu eeruun, adeemsi kun seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Mariin Biyyaalessaa hammataa fi hirmaachisaa ta’e kun Afrikaaf fakkeenya gaarii ta’uu danda’a jedhaniiru.

Itoophiyaanonni nageenya fiduuf walitti dhufanii mari’achuu fi waliigaltee irra ga’uuf filannoon taasisan kun kan dinqisiifamu ta’uu dubbataniiru.

Yeroon mariif kennamu kamiyyuu, miidhaa walitti bu’iinsaa fi waraanni fidu waliin yoo madaalamu, gahee olaanaa fi hin-madaalamne qaba jedhaniiru.

Mariin Biyyaalessaa kun Itoophiyaa keessatti nageenyi akka mirkanaa’u, akkasumas misoomaa fi badhaadhinni akka mirkanaa’uuf bu’uura gaarii kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015