Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Hojii seenaaqabeessa Itoophiyaa cimsudha - Pirezidaant Taayyee AtsqaSillaasee

Hagayya 16/2018 (ENA):Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Hojii seenaaqabeessa Itoophiyaa cimsu ta’uusaa Pirezidaant Taayyee AtsqaSillaasee ibsaniru.

Sagantaan cufinsaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Giddugala Konveeshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.

Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee Hirmaattota yaa’ii marii biyyaalessaa walii gala uummata miiliyoonotaan bakka bu’uun aantummaa uummataa qabatnii hojjechaa turuusaaniif galateeffataniiru.

Sagantaan cufiinsaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Giddugala Konveeshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.

Mariin kun sababa irratti kan hunda'e, iftoomina kana qabuu, akkasumas ida’amuu fi kabaja Itoophiyummaan kan gggeeffame ta'uu dubbataniiru.

Yaa’iin Marii Biyyaaleessaa hedduumminni Itoophiyaa caalaatti kan itti mul'ate ta’uu isaa ibsaniiru.

Mariin Biyyaaleessaa aadaa durii Itoophiyaa ta'us, lafa irratti bu'ee caasaa qabaatee akka gaggeeffamu kan taasisan Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad galateeffataniiru.

Yaa’iin Marii Biyyaaleessaa Itoophiyaa cimsuuf adeemsa seenaqabeessa ta'uu pirezidaantichi ibsaniiru.

Mariin kun miira tasgabbaa'aan dhimmoota biyyaa irratti mari'achuudhaan furmaata waaraa fiduuf aadaa haaraa kan uume ta'uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015