“Raayyaan ittisa biyyaa gaachana Itiyoophiyaati!” Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa - ENA Afaan Oromoo
“Raayyaan ittisa biyyaa gaachana Itiyoophiyaati!” Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Wiirtuun leenjii Izzii duulota addaa “komaandoo bu’uraa Koorsii Tsinaat” yeroo 45ffaaf leenjise har’a ebbisiiseera.
Itaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa sagantaa eebbaarratti keessumaa ta’uun argamanii ergaa dabarsaniin, raayyaan ittisaa gaachana Itiyoophiyaati jedhaniiru.
“Qawween ergamtoota alagaa biyya diiga” kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa nuyi garuu hojjechaa kan jirru finxaaleyyii fi jeeqxota biyya diiguuf wixxifatan qolachuudha jedhaniiru.
Humni qilleensarraa bu’uu fi komaandoon ga’umsa qaamaan, cichoominaa fi beekumsa loltuu olaanaa qabuun humna kallattii waraanaa jijjiiru waan ta’eef weerartoota keesaa fi alaa aggaamanii fi walitti bu’iinsa qolachuudhaan qormaatilee namtolchee fi uumamaa keessa darbee imaanaa biyyaalessaa ga’umsaan ba’achuusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaanonni roobni summii samiirraa osoo itti roobuu biyya albee fi dimotforiidhaan waraananii nuuf dabarsan har’a meeshaa waraanaa argannoo teeknooloojii hidhannee kasaaraa namaa hir’ifnee humna guddaan bara waraannurratti argaman.
Waadaa gootota Sanaa eeguu fi faayidaa biyyaalessaa biyyaa kabachiisuuf har’allee qophoofneerra kan jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan warri har’a eebbifamtan ammam ciniinnatanii leenjiisaanii akka xumuran agarsiisa taasifamerraa hubachuusaanii kaasaniiru.
Leenjiin komaandoo salphaarraa gara ulfaataatti ulfaataarraa gara walxaxaatti kan cehuu fi adeemsa cehumsa loltuurraa gara loltuu ga’oomaatti akkuma maqaasaanii cichoominaan cehanii ergama biyyii fi ummannisaanii kenneef kutannoon bahachuu akka qaban imaanaa kennaniiruuf.
Itaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa dabalatee, itti aanaan Itaamaajiio shuumiin waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa, itti gaafatamaan hoggansa dhukaasaa ittisaa Jeneraal Alamisheet Daggifee, hogganaan qajeelcha olaanaa leenjii ittisaa Jeneraal Yimar Mokonnon, hogganaan qajeelcha olaanaa Maandisa ittisaa Jeneraal Dastaa Aab, Kantiibaan magaalaa Hawaasaa obbo Xiraatuu Bayyanaa, ajajaan izzii duulota addaa Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, itti aanaan pirezidaantii naannolee qondaaltonni Jeneraalaa keessummoonni waamaman sagantaa eebbaarratti argamaniiru.