Tamsaasa Kallatti:

Mariin biyyaalessaa gaggeefamaa ture yaada hirmaattota hundaa kan keessummeessedha - Hiruut GabraSillaasee

Hagayya 16/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa gaggeefamaa ture yaada hirmaattota hundaa bilisaan kan keessummeesse ta’uu Itti Aantuun Komishinaara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa- Hiruut GabraSillaasee ibsaniiru.

Hirmaattonni Yaa’ii Marii Biyyaalessaa walii gala irratti argaman kuma afur qabxiilee ijoo saddeet dhiyaatan irratti marii bal’aa gaggeessuu isaanii ibsaniru.

Marii biyyaalessaa gaggeefamaa turerratti falmiin yaadaa gaggeeffamaamuun walii galteerra ga’amuusaa ibsaniiru.

Marichaan yaada adda addaa dhihaatanii gara yaada waliinii tokkootti dhufuun akka danda'ame eeraniiru.

Sirna Cufiinsa Yaa'ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Giddugala Konveenshinii Idil Addisitti gaggeeffamaa jirurratti keessummoonni afeerraan taassifameef argamaniiru.

Yaa’iin Marii Biyyaalessaa walii galaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Giddugala Konvenshinii Addisitti gaggeeffamaa turunsaa ni yaadatama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015