Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaanootni Yoo mariyanne furmaata hin dhabnu kan jedhu qabatamaan agarsiisineerra- Komishinara olaanaa Piroofesar Masfin Ari’aayaa

Itoophiyaanootni Yoo mariyannee furmaata hin dhabnu kan jedhu qabatamaan agarsiisinerra jedhan Komishinara olaanaa Piroofesar Masfin Ari’ayaa.

Sagantaan cuufiinsaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa, Giddugala Konveenshinii Idil addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.

Komishinarri olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofesar Masfin Ar’ayaan Yoo mari’anne furmaata hin dhabnu kan jedhu qabatamaan agarsiisneerra jedhan.

Piroofesar Masfin akka jedhanitti, hirmaatoota biyyattii guutuu irraa walitti babbahan kuma 4 ol bakka tokkotti walitti fiduun mari’achuun seenaa keessatti taatee guddaadha.

Garaagarummaa fi rakkoo keenya karaa marii furuuf tattaaffii taasisne kan nama gammachiisudha jedhan.

Marii biyyaalessaa kana irraa waan baranne keessaa inni guddaan, Itoophiyaanonni yeroo waliin taa’anii mari’atan rakkoolee isaanii irratti furmaata waliin argachuu akka danda’an hubachuu ta’uu Piroofesar Masfin ibsan.

Waraanni Rakkoo hin furu kan jedhan piroofesar Masfiin mariin malee kan qawween mo’e hin jiru jedhan.

Akka isaan jedhanitti, mariin kun, rakkoolee biyyattii karaa marii fi waliigaltee furuuf bu’uura cimaa ka’eera jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015