Sagantaan Cuufinsa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Cuufinsa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa gaggeeffamaa jira
Hagayya 16/2018 (ENA)- Sagantaan Cuufinsaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Giddugala Konveenshini Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.
Sagantaan Cuufinsa Kanarratti Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee, Af-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo, Af- yaa'ii Mana Maree Federeeshinii Aganyaawu Tashaagar, Ittaanaa Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa, Pirezidaantii Keeniyaa Duraanii Uhuruu Keeniyaataa, Gamtaa Afrikaatti Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Oliseeguun Obosaanjoo, Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Misooma Mootummoota Bahaa Afrikaa (IGAD) Doktar Warqinaa Gabayyoo, Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaaleessaa Piroofesar Masfin Ar’ayaa, qondaaltoonni olaanoo Mootummaa biroo fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.