Tamsaasa Kallatti:

Jijjiirraa Taphaatoota Maallaqa hedduu irraa kaasee hanga jijjiirama seera nama ajaa’ibsiisutti: Piriimer Liigii Ingiliizii bara dorgommii haaraatti maal fidee dhufe?

Dorgommiiwwan kubbaa miilaa Addunyaa irratti jaallatamoo ta’an keessaa tokko kan ta’e Piriimer Liigii Ingiliizii bara 2026/27 kaleessa ifatti jalqabameera.

Dorgommii bara kanaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa Waxabajjii fi Adoolessa keessa gaggeeffame hordofee, taphattoonni boqonnaa gahaa akka argatan gochuuf yeroo jalqabbii liigichaa baratame irraa torban tokko turee akka jalqabu taasifame.

Tapha baniinsaa, Istaadiyeemii Imireetis keessatti, abbaa liigii bara darbee Arsenaal fi waggoota 25 booda Piriimer Liigii Ingiliizii deebi’e injifatee fi Kovaantirii Siitii gidduutti, kaleessa galgalaa gaggeeffameen Arseenaal 3 fi 0 injifateera.

Gabaa jijjiirraa taphattootaa

Dorgommiin bara haaraa kun osoo hin jalqabin, kilaboonni Piriimer Liigii Ingiliizii gabaa jijjiirraa taphattootaa irratti sochii guddaa taasisaniiru.

Odeeffannoo hanga ammaatti jiru irratti hundaa’uun, kilaboonni Piriimer Liigii Ingiliizii jijjiirraa taphattootaa qofaaf paawundii biiliyoona 2.14 ol baasaniiru.

Baasiin kun walumaa galatti kan liigota Awurooppaa gurguddoo afur (Ispeen, Xaaliyaanii, Jarmanii fi Faransaay) walitti qabaatti baasanii ol ta’eera.

Morgaan Roojars, Astoon Villa irraa gara Cheelsiitti paawundii miliyoona 117n darbuun, jijjiirraa gatii guddaa qabu keessaa isa duraa ta’eera.

Iliyoot Andeersaan immoo Notiingaham Foorast irraa gara Maanchastar Siitiitti paawundii miliyoona 116n itti makameera. Akkasumas, Saandiroo Toonaalii Niiwukaasteel irraa gara Tootinihaamitti paawundii miliyoona 100n, Burunoo Gumaares immoo Niiwkaastel Yuunayiitid irraa gara Arsenaalitti paawundii miliyoona 75n jijjiirameera. Isaan kun jijjiirraawwan gatii guddaa qaban keessaa muraasa.

Baasiin jijjiirraa taphattootaa malees, bara dorgommii haaraan kun leenjistoota haaraa hedduun kan guutame dha.

Kilaboonni sagal leenjistoota haaraa waliin dorgommii jalqabu; kunis seenaa Pirimeer Liigii Ingiiliizii keessatti lakkoofsa olaanaa dha.

Pep Gaardiyoolaa Maanchastar Siitii irraa fedhii isaatiin erga bahee booda, Miikel Arteettaa kan Arsenaal yeroo ammaa Pirimer Liigii Ingiliizii keessatti leenjisaa yeroo dheeraa tajaajile ta’eera; waggoota torbaaf leenjisummaa irra ture.

Zhabii Aloonsoo kan Cheelsii, Enzoo Maareeskaa kan Maanchastar Siitii fi Andoni Iraholaa kan Liivarpool leenjistoota haaraa keessaa muraasa.
 

Akkasumas, Miikaa’el Kaarik Maanchastar Yuunayitid keessatti, Robertoo Di Zarbii immoo Tootinihaam Hotispar keessatti yeroo jalqabaaf guutummaa bara dorgommii tokkoo geggeessuuf jiru.

Kilaboota liigichatti makamanii fi keessaa bahan

Gama hirmaattota liigichaatiin, Kovaantirii Siitii, waggoota 25 booda, Hal Siitii fi Ipsiwich Taawon waliin gara Pirimeer Liigii Ingiiliizii ol guddataniiru.

Gama biraatiin, Weest Ham Yuunayitid, Barniley fi Wolvarhampton Wandarars bara darbe Pirimeer Liigii Ingiiliizii irraa gadi bu’aniiru.

Kilaboota Ingilizii dorgommii Awurooppaa irratti hirmaatan

Kilaboonni Ingilizii bara darbe dorgommii Awurooppaa keessatti bu’aa gaarii galmeessisuu isaanii hordofee, bara kana kilaboonni Pirimeer Liigii Ingiiliizii sagal dorgommii Awurooppaa irratti hirmaatu. Kunis lakkoofsa galmee haaraa dha.

Arsenaal, Astoan Villa, Liivarpool, Maanchastar Siitii fi Maanchastar Yuunayiitid Shaampiiyoons Liigii keessatti hirmaatu.

Bornimowuz, Sandarland fi Kiriistaal Paalaas Yuroopaa Liigii keessatti, Biraayitan immoo Konfarans Liigii keessatti Ingilizii bakka bu’uun hirmaatu.

Seera haaraa baasii maallaqaan walqabatee jiru

Bulchiinsi Pirimeer Liigii Ingiiliizii baasii maallaqaa kilabootaa to’achuuf sirna haaraa ‘Squad Cost Ratio’ jedhamu hojii irra oolcheera.

Akka seera kanaatti, baasii kilabni tokko mindaa taphattootaa fi kaffaltii jijjiirraa taphattootaaf baasu waliigalaan galii isaa keessaa 85% ol ta’uu hin qabu.

Kilaboonni seera kana cabsan ammoo qabxii irraa hir’ifamuu dabalatee adabbii isaan mudachuu danda’a.

Seerota haaraa abbaa murtii fi taphichaa

Saffisa taphaa dabaluuf fi yeroo balleessuu hir’isuuf, seerotni abbaa murtii taphaa haaraan hedduun hojii irra oolu.

Darbanna Harkaa (Throw-in) fi Taphaa Eegalchisuu (goal-kick) irratti taphattoonni yeroo yoo guban, abbaa murtii sekondii shan lakkaa’a. Yeroon kun yoo darbe, Darbanna Harkaa garee faallaa isaatiif kennama; Taphaa Eegalchisuu irratti yoo ta’e immoo gareen faallaa Rukkutta Rogaa argata.

Akkasumas, taphataan tokko yaalamee gara alaatti yoo ba’e, gara dirree deebi’uuf yoo xiqqaate daqiiqaa tokko ala turuu qaba.

Yeroo taphataan bakka buufamu ammoo, taphataan dirree irraa bahuuf sekondii 10 qaba. Yeroo kana yoo darbe, taphataan bakka bu’u gara dirree seenuu kan danda’u yeroo taphni itti aanu dhaabbatu/taphni yeroof yoo adda citu qofa.

Fooyya’iinsa VAR

Bara dorgommii kana VAR irratti fooyya’iinsi guddaan taasifameera; kunis murtiin VAR iftoomina qabu akka ta’uuf kaayyeffate.

Taphataan tokko kaardii keelloo lammaffaa argatee dirree irraa yoo ari’ame, murtiin sun shakkii qaba yoo ta’e VAR murtii kennuuf keessa seenuu danda’a.

Dabalataan, yeroo taphaa keessatti VAR fi abbaa murtii dirree irratti argamu gidduutti taasifaman mariin sagalee, karaa wiirtuu taphaa Pirimeer Liigii, daawwattootaaf ifatti tamsa’uu danda’a.

Walumaagalatti, Pirimeer Liigii Ingiiliizii bara 2026/27 jijjiirama seeraa haaraa, baasiiwwan jijjiirraa taphattootaa kanneen gatii guddaa qaban, leenjistoota haaraa fi kilaboota haaraa waliin bara hawwataa ta’eera.

 


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015