Yaa’iin Marii Biyyaalessaa miira Abbummaa dagaagsuun seenaa Itoophiyaan keessatti mo'attedha - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa miira Abbummaa dagaagsuun seenaa Itoophiyaan keessatti mo'attedha
Hagayya 16/2018 (ENA): Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa garaagarummaa fi miira ‘anummaa’ irraa gara ‘Unummaatti’ ce’uudhaan ilaalcha waliinii biyyaalessaa kan irratti ijaaramee fi seenaa Itoophiyaan keessatti mo'atte ta'uu hirmaattonni ibsan.
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Galma Konvenshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa ture gara xumuraatti dhihaateera.
Hirmaattonni yaada isaanii (ENA) kennan akka jedhanitti, garaagarummaa yaadaa irratti taa'anii mari'achuudhaan gara waliigalteetti dhufuun nagaa waaraa fi guddina waliinii biyyaatiif bu'uura kaa'eera.
Hirmaattota keessaa IiseeBaanee HaajjiiAbuubakar akka ibsanitti, mariin kun rakkoolee marii fi waliigalteedhaan furuun akka danda'amu qabatamaan kan agarsiisedha.
Marichaan yaada adda addaa dhihaatanii gara yaada waliinii tokkootti dhufuun akka danda'ame eeruudhaan, hirmaattonni hundi yaada isaanii bilisummaa fi walqixxummaadhan kan dhiheessan ta'uu ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa kun aadaa biyyaattii ta'ee ittifufu kan qabu ta'uus dubbataniiru.
Hirmaataan biraa Qees Dannaqaa Daarimoo gama isaaniitiin, mariin biyyaalessaa kun adeemsa seenaa qabeessa ta'uu ibsaniiru.
Saboota, Sab-lammootaa fi ummatoota adda addaa kan bakka bu'an Itoophiyaatokko ta'anii biyyattiif furmaata barbaaduuf mari'achuu isaanii yaadachiisaniiru.
Hirmaattonni hundi yaada isaanii bilisummaadhan ibsachuu mirgi isaanii eegamee mari'achaa kan jiran ta'uu eeruudhaan, rakkoolee mariidhaan furuun dhaloota dhufuuf kan fayyadu seenaa haaraa barreessuu ibsaniiru.
Mariin biyyaalessaa kun nagaa waaraa biyyaattiif gumaacha ol'aanaa kan qabu ta'uu fi biyyoota Afrikaa birootiifis fakkeenya ta'uu kan danda'u ta'uu ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Marii #
See less