Qonna Kilaasteraa – Mul’ata falaasama Ida’amuu qabatamaan. - ENA Afaan Oromoo
Qonna Kilaasteraa – Mul’ata falaasama Ida’amuu qabatamaan.
Mul’ata Ida’amuu Mootummaa keessaa tokko qonna kilaasteraan misoomsuudha.
Misooma qonnaa ammayyeessuu, oomishtummaa fi galii qonnaan bulaa guddisuuf humna namaa, lafa, galtee qonnaa, beekumsa, teeknooloojii fi gabaa karaa qindaa’een fayyadamuun murteessaadha.
Kana ilaalchisee, qonni kilaasteraa sirna hojii mul’ata Ida’amuu hojiirra oolchuuf gargaarudha. Qonnaan bultoonni waliin gurmaa’uun, maashinoota qonnaa fi galteewwan biroo waliin fayyadamuudhaan oomisha saffisaa fi qulqullina qabu akka oomishan isaan gargaara.
Maashinoota qonnaa bal’inaan fayyadamuun yeroo fi humna namaa qusata. Kanaanis namoonni muraasni deeggarsa maashinaa fayyadamuudhaan yeroo gabaabaa keessatti hojii bal’aa hojjechuu danda’u.
Kunis oomishtummaa fi galii qonnaan bulaa guddisuuf gumaacha olaanaa qaba. Qonni kilaasteraa maashinarootaan deeggaramee yoo hojiirra oole, hojii qonnaa sirna aadaa irraa gara sirna ammayyaa, qindaa’aa fi teeknooloojiin deeggarameetti jijjiiruuf carraa uuma.
Kanaaf, mul’ati Ida’amuu lafa qonnaan bulaa irratti hojiidhaan yoo mul’ate, oomishtummaa olaanaa, galii fooyya’aa fi qonna ammayyaa ijaaruuf bu’uura cimaa ta’a.
Kanaanis, Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti lafti boqqolloo kilaasteraan misoome, mul’atni falaasama ida’amuu hojii irra oolaa jiraachuu isaa ifatti kan agarsiisu ta’uu Ministeerri Qonnaa ibseera.