Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Murteewwan adda addaa dabarse - ENA Afaan Oromoo
Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Murteewwan adda addaa dabarse
Hagayya 15/2018 (ENA): Kabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii har'a gaggeesseen ajandaawwan dhiyaatan irratti mari'achuun murteewwan dabarsee jira.
Kabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walgahii idilee 1ffaa bara 6ffaa har'a gaggeesseera.
Bu’uuruma kanaan :
1. Buusii Fayyadamtoota Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fooyyessuuf dhiyaate irratti mari'achuun akka hojiirra oolu raggaasiseera.
2. Pirojektoota Faayidaa biyyaalessaa qabaniif (Hoteela, Mooolii fi Appaartimentii, industirii, arjooma, dhaabbilee mootummaa fi dhaabbilee wal’aansaa ) dhiyaate irratti mari'achuun akka raawwatamu raggaasiseera.
3. Daandiiwwan koriidaraan gar-tokkoon misoomanii, gar-tokkoon osoo hin misoomin kan turan dhiyaatan haala guutuu ta'een akka misoomaniif wixinee dhiyaate irratti mari'achuun akka hojiirra oolu raggaasiseera.