Tamsaasa Kallatti:

Aadaan Walgargaarsaa Oromoo Buusaa Gonofaan rakkoolee hedduuf furmaata ta'e Jaarraa hedduu lakkoofsise akkamiin jalqabee dhalootattis darbaa jiru.

Qunceen walgargaartee Arba hiiti jedha Oromoon gaafa wal bira dhaabbachuun,waliin ta’uun humna namaaf ta’uu ibsu. Ummanni Oromoo waggoota kumaatama dura hojiirra oolchuun aadaa wal gargaarsaa mataa isaa uummatee hawaasa isaaf gaachana ta’aa tureera ammas ta’aa jira.


 

Kan nama ajaa’ibu ummanni qaroon karaa hundaan qaroome lammiin isaa harka namaa ilaaluu hin qabu jedhee aadaa mataa ofii kalaqee ittiin walcinaa dhaabbachaa tureera.

Aadaan wal deeggarsaa kuni iddoo adda addaatti maqaa adda addaa haa qabaatuyyuu malee galmi isaa tokkodha;kunis waliif dhaabbachuudha.

Aadaa walgargaarsaa ummanni Oromoo qabu keessaa fakkeenyaaf yoo ilaalle,Buusaa Gonofaa,Daboo/Guuza,Hirphaa,waldaalee hawaasummaa(Afoosha,Uqqubii), isaan kunniin hawaasa utubuuf bu’aa olaanaa qabu.

Aadaan walgargaarsaa Buusaa Gonofaa balaa uumamaa ykn namaan dhufuun balaa dinagdee fi hawaasummaaf kan saaxilaman deeggaruuf safuu fi seera Gadaa irratti hundaa'ee kan hojjetudha.

Jaarraa hedduuf ummanni Oromoo ittiin walgargaaraa balaa uumamaas ta’e namtolchee irra oonu turedha. Aadaan walgargaarsaa kuni jaarraa hedduu lakkoofsise itti fufinsa akka qabaatuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Labsiidhaan akka deeggaramu taasisee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jira.

Haaluma kanaan Caffeen Oromiyaatiin tajaajila lammummaa raggaasisuuf Labsii Kenna Tajaajila Lammummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 219/2011 ta’ee akka ragga’u mirkaneesseera.


 

Labsiin kun Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan tumame yoo ta'u, aadaa wal-gargaarsaa fi duudhaa sirna Gadaa irratti hundaa'uun lammiileen yeroo, humna, ogummaa fi qabeenya isaaniitiin kaffaltii tokko malee lammii isaanii akka tajaajilan seeraan deeggaruun diriirsuuf kan baheedha.

Akka aadaa Oromootti jechi Buusaa Gonofaa jedhu jechoota lama irraa akka madde seenaan ragaa baha. Kanaaf barreeffama keenyaan dhimma kana ilaalla.

Hiika Buusaa Gonofaa

  • Buusaa: Walitti qabuu, walitti fiduu ykn buusii qabeenyaa (fakkeenyaaf loon, midhaan, ykn meeshaalee adda addaa) gumaachuu agarsiisa. kunis ummanni Oromoo nama rakkate tokkoof akka namni suni harka namaa hin ilaalleef waan qaban irraa hawaasni walitti buusee isa rakkate,isa gargaarsa barbaaduuf walitti qabuudha. Kunis sirna Gadaa keessatti namni tokko lammii isaa deeggaruuf dirqama akka qabu agarsiisa.
  • Gonofaa: Qabeenya walitti qabame sana nama rakkateef ykn miidhameef kennuudha. Gonofaa jechuun Gonfuu jechuudha. Isa deegarsa meeshaas haa ta’u qabeenya adda addaa sana walitti qabame nama rakkoon irra gaheef gonfuun deebizatanii dhaabuu fi gargaarsa kennuu agarsiisa. Haala kanaan jechoonni lamaan kunniin walitti dhufanii Buusaa Gonofaa kan jedhu uumani.

Kaayyoon isaa nama sana hiyyummaa fi kadhaa irraa ittisee hawaasa keessatti qabiyyee dinagdee isaa deebisee akka ciinsu gochuudha.

Namni gargaarsichi kennameef sun maatii isaa deebisee akka ijaaruu fi gara fuulduraatti hawaasaaf buusaa gumaachuu kan danda'u ta'a.

Sirni Buusaa Gonofaa namni balaan irra ga'e akka harka namaa hin ilaalleefi ofiillee deebi’ee akka nama rakkate biroo gargaaru taasisa.Namni suni kabaja isaa akka eeggatu godha.

Walitti dhufeenyaa fi tokoommaa gosaa fi hawaasaa caalaatti camsa. Akkasumas Wabii dinagdee uumamaa ta'ee tajaajila.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas aadaa wal-gargaarsa Oromoo Buusaa Gonofaa kana gara hojii mootummaa fi hawaasummaatti fiduudhaan, Tajaajila Lammummaa gurmaa'aa ta'e diriirsee hojiirra oolchaa jiruun ummanni fayyadamaa jira. Duulaa fi sochii Tajaajila Lammummaa kanaan hawaasa keessatti tajaajiloota fi gargaarsa garagaraa kennamaa jiran keessaa kanneen gurguddoon akka akka armaan gadiitti dhiyaataniiru:


 

1. Ijaarsaa fi Haaroomsawwan Mana Jireenyaa Lammiilee Harka Qalleeyyii

  • Manguddoota, harkaqalleeyyii fi kanneen humna hin qabneef manneen jireenyaa haaraa ijaaruu fi haaromsuu
  • Bultoo amansiisaa uumuun namoota harka qalleeyyii ta'aniif deeggarsa qabatamaa dhiyeessuu.

  •  

2. Sagantaa Nyaataa Barattootaa fi Deeggarsaa

Barattoota maatii harka qal'eeyyii irraa dhufaniif meeshaalee barnootaa (barruulee, uffata, fi k.k.f.) dhiyeessuu.

  • Manneen barnootaa keessatti sagantaa nyaata barattootaa diriirsuun, barattoonni beelaan akka barnoota addaan hin kunneef deeggaruu.

3. Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa fi Deeggarsa Fayyaa

  • Maatiiwwan harka qalleeyyii ta'aniif kaffaltii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa kaffaluudhaan tajaajila yaalaa bilisaan akka argatan gochuu.
  • Arjooma dhiigaa, qulqullina naannoo fi  gargaarsa yaalaa adda addaa gaggeessuu.

  •  

4. Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa Naannoof

  • Tajaajila Lammummaan Daagaawwanii fi ittisa lolaa ijaaruu, naannoo qulqulleessuu fi biqiltuu dhaabuu irratti hirmaachuu
  • Misooma sululaa fi eegumsa biyyoo fi bishaanii irratti hawaasa hirmaachisuu.

  •  

5. Hawaasummaa fi Dinagdee Salphaatti Deebisanii Dhaabuu

  • Namoota sababa balaa uumamaa fi nam-tolcheen qe'ee isaaniitii buqqa'an deebisanii dhaabuu fi gargaarsa nyaataa fi meeshaa arfachiisaa dhiyeessuu.
  • Haadholii fi shamarran leenjii unka adda addaa fi meeshaalee hojii uumuu danda'an mijeessuun lammiilee fayyadamoo taasisuu.
  • Omisha Qamadiin hirkattummaa dhabamsiisuun garagaarsa barbaachisuuf oolchuu

  •  

6. Hirmaannaa Hawaasaa fi Gurmaa'ina Seeraa Uumuu

  • Sochii tajaajila lammummaa duraan haala utuu hin gurmaa'iniin adeemsifamaa ture unka seeraa, iftoominaa fi akkasumas itti-gaafatamummaa qabuun diriirsuu dha.
  • Dhaloota haaraa fi dargaggoota fedhii isaaniitiin gumaacha hawaasummaa fi misooma biyyaa keessatti akka hirmaatan karaa banu uumuudha.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015