Taphni baniinsaa bara dorgommii Piriimiyerii Liigii Ingilaandi 2026/27 har’a jalqaba - ENA Afaan Oromoo
Taphni baniinsaa bara dorgommii Piriimiyerii Liigii Ingilaandi 2026/27 har’a jalqaba
Hagayya 15/2018(ENA) : Taphni baniinsaa bara dorgommii Piriimiyerii Liigii Ingilaandi 2026/27 har’a eegalama. Tapha har’a eegalamu Arsenaalii fi Kovantarii Siitii ni eegalama jedhamee eegama.
Taphni baniinsaa Piriimiyerii Liigii Ingilaandi bara dorgommii 2026/27 har'a galgala sa'aatii 4:00 irratti Arsenaaii fi Kovantarii Siitiin dirree Emireetsitti waliin ni taphatu.
Shaampiyoonaan Piriimiyerii Liigii barana dhiheenya kana waggaa 22 dhabee deebise Arsenaal, dorgommiiwwan Gannawwan afran darban keessatti tapha jalqabaa hunda moo'achuun jalqabe.
Keessattuu, warri Arsenaal dirree isaanii irratti kilaboota haaraa Liigichatti makaman waliin taphatan 45 keessatti morkii tokkollee moo'atamuu dhabuun isaanii injifannoo har'aatiif onnee guddaa isaanitti horeera.
Leenjisaa Mikeel Arteettaan har'a kilabni isaanii yoo injifate, leenjistoota seenaa ‘EPL’ keessaaa taphoota 249 irratti injifannoo 150 galmeessan kan akka Peeppi Gaardiyoolaa, Joosee Morinihoo, Yargan Kiloppii fi Sar Aleeksi Farguusaniitti aanuun leenjisaa 5ffaa ta’uun seenaa hojjeta.
Gama biraatiin, Kovantarii Siitiin waggoota 25 booda gara Liigichaatti deebi'eera.
Tapha har'aatiin Arsenaal ittistoota isaanii murteessoo Wiiliyaam Saaliibaa fi Yuuriyeen Tiimbar miidhaatiin kan hin hiriirsine yoo ta'u, Kovantarii Siitiin gama isaatiin Haajii Raayiit miidhaadhaan taphaa ala ta'eera.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena