Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Kofaleetti dareen dabalataa ijaarame tajaajilaaf banaa ta’e

Hagayya 15/2018 (ENA): Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Kofaleetti dareen dabalataa qarshii miiliyoona 5tuqaa 2n ijaarame bakka qaamoleen mootummaa sadarkaa Naannoo, godinaa fi magaalichaa argamaniitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa taasifameera.  

Hogganaa ittaanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Galatoo Tukee Mootummaan naannichaa dhaloota saayinsii fi tekinoolojiin dorgomaa ta'an horachuuf dhaabbilee barnootaa babal'isuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiraachuu himan.


 

Saganticharratti kan argaman bulchaa Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajjii Mootummaan fayyadamummaa ummataa milkeessuuf imaammataafi tarsiimoo garagaraa hojirra oolchuun hojjachaa jiraachuu eeruun, keessumattuu cabinsa barnootaa ture furuuf kutannoon hojjatamaa jiraachuus eeraniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina Arsii Lixaa Obbo Hullee Saaddoo godinichatti waliingahiinsa barnootaa milkeessuun qulqullinni barnootaa akka eeggamuuf dhaabbilee barnootaa babal'isuu keessatti qooda fudhannaan dhaabbilee dhuunfaas jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru.


 

Kantiibaa Magaalichaa Obbo Burqaa Gashuraa dhaabbatichi hojii baruufi barsiisuu milkeessuuf qulqullinni barnootaa akka eeggamuuf daree dabalataa magaalichaaf ijaaruutti dhaabbaticha galateeffataniiru.

Hojiigaggeessituun dhaabbatichaa Aadde Taliilee Yoosef dhaabbatichi bakka harki mootummaa hin dhaqqabnetti manneen barnootaa babal'isuu dabalatee barattoota shamarraniif deeggarsa garagaraa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Gara fuuldurattis hojiilee fayyadamummaa ummataaf oolan ittifuufiinsaan kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015