Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli tola ooltummaa agarsiiftuu yaadama paartii badhaadhinaa namarratti xiyyeeffatuuti

Hagayya 15/2018 (ENA)- Tajaajilli tola ooltummaa gannaa agarsiiftuu yaadama paartii badhaadhinaa namarratti xiyyeeffatuu ta’uusaa hogganaan waajjira damee paartii badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ibsan.

Paartiin badhaadhinaa naannoo Hararii raawwii tajaajila tola ooltummaa gannaa fi inisheetiivotaa qorateera.

Hogganaan waajjira damee paartii badhaadhinaa naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa akka ibsanitti, hojiin tola ooltummaa gannaa hojjetamaa jiru lammiilee fayyadamoo taasisuudhaan bu’aaleen onnachiisoon galmaa’aa jiru.

Keessumaa sagantaa tajaajila tola ooltummaa gannaatiin hojiilee rakkoolee hawaasaa furanii fi fayyadamummaa mirkaneessaniif xiyyeeffannoon taasifamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Hojiileen tola ooltummaa gannaa agarsiiftuu yaadama paartii badhaadhinaa namarratti xiyyeeffatuu ta’uu ibsanii, hojiileen fayyadama hawaasaa mirkaneessan cimanii itti ni fufu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015