Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti sagantaan Ashaaraa magaarisaa uwwisa Bosonaa dabaleera

Hagayya 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mancaatii bosonaa hir'isuun qabiyyee bosonaa dabaluusaa Dhaabbanni Bosonaa fi Bineesota Bosonaa Naannichaa beeksise.

Itiyoophiyaatti waggoota kurnan darban keessatti sababa adda addaan mukkeen qabiyyeen bosonaa gadi bu'ee ture.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalame kun Naannoo Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan irratti hojjetameera.


 

Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona jiru eeguu, mancaatii ittisuu fi mukkeen faayidaa dinagdee fi soorataaf oolan dhaabuu irratti xiyyeeffannoon kennameera.

Hojii kanaan qabiyyeen Bosona Naannichaa saffisaan dabalaa jiraachuurra darbee, Naannoon Oromiyaa Bosona haaromsuu fi eeguu keessatti qooda olaanaa taphachaa jira.

Hojii gaggeessaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Obbo Araarsaa Raggaasaa ENA waliin turtii taasisaniin, waggoottan darban keessatti uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojiileen garagaraa hojjetamaniiru.

Hojiiwwan uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojjetaman keessaa bakkeewwan sababa adda addaan manca’an irratti karaa saayinsaawaan biqiltuu garagaraa dhaabuurra darbee tuttuqqaa namaa fi bineensarraa bilisa taasisuun fi babal'ina lafa qonnaa seeraan alaa ittisuuf hojii hojjetameen bu'aan olaanaan galmaa'uu isaa dubbataniiru.

Keessumaa biqiloota dhaabuu qofa irratti osoo hin daangeeffamin, kunuunsa isaaniitiif xiyyeeffannaan olaanaan kennamuunsaa bu'aa argameef sababa guddaa ta'uu himaniru.

Haaluma kanaan uwwisni bosona naannichaa duraan gadi bu'aa ture gara dhibbeentaa 27tti guddisuun danda'amuu isaa Obbo Araarsaan dubbataniiru.

Keessattuu sagantaan Ashaaraa magarisaa hawaasa biratti ilaalcha gaarii uumuudhaan, dhaabuu qofa irratti osoo hin ta'iin, kunuunsaa fi eegumsa isaa irratti hirmaannaan hawaasaa cimuun bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Tattaaffii taasifameen biyyoon akka hin dhiqamne ittisuu cinaatti, gabbinni biyyoo dabaluu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniru.

Dabalataanis, bishaan lafa jalaa akka gabbatu taasisuun burqaawwan bishaanii, laggeenii fi haroowwan goganii turan akka deebi'an taasiseras jedhan.

Kanneen keessaa akka fakkeenyatti kan kaasan Godina Harargee Bahatti Haroon Haramayaa gogee kan ture deebi'ee mirgisuun, yeroo ammaa hawaasa naannichaatiif tajaajila kennaa jiraachuu isaa akka fakkeenyaatti eerameera.

Obbo Araarsaan akka himanitti, yeroo ammaa naannichatti walii galaan lafti hektaara miliyoona 4 bosonaan misoomee jira.

Walii galaatti Naannichatti lafa heektaara miliyyoona tokkotti dhiyyaatu kunuunsaa fi eegumsa bineensotaaf, paarkiwwaniif fi iddoowwan bashannanaatiif kan oolu yoo ta'u, hektaarri kuma 700 immoo dhaabbii biqiltootaa fi misooma bosona nam-tolcheef kan adda bahe ta’u himaniru.

Lafa walii galaa kana keessaa hektaari miliyoona 2 tuqaa 3 ta'u immoo bosona uumamaatiin gutummaatti kan uwwifame ta'uu ibsaniiru.

 


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015