Tamsaasa Kallatti:

Mariin biyyaalessaa Miidhaa fi Haaloowwan turan kan itti cufamudha

Hagayya 15/2018 (ENA) – Mariin biyyaaleessaa boqonnaa haaloowwanii fi Seenaawwan miidhaa saboota gidduu turan mariidhaan kan itti furmaata argatan ta'uu Abbaan Gadaa Meelbaa Rattaa Ya'ii ibsan .

Abbaa Gadaa Meelbaa Rattaa Ya'ii akka ibsanitti; mariin biyyaaleessaa madaa seenaa turan sirreessuun furmaata waldhabdee fi haalowwan turanii ta’a jechuun dubbataniiru.


Komishiniin Marii Biyyaaleessaa Itoophiyaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiin labsamee dhaabbatee gara hojiitti kan gale dhimmoota bu'uuraa fi biyyaaleessaa irratti waliigaltee uumuuf ta'uun ni yaadatama.

Komishinichi garaagarummaa siyaasaa fi yaadaa hawaasaa gidduu jiru mariidhaan furuun nagaa waaraaf bu'uura kaa'uuf marii gadi fageenyaa hunda haammataa ta'e gaggeessaa tureera.

Mariin biyyaaleessaa boqonnaa guddinaa fi tokkummaa biyyaaleessaa fuulduraa irratti xiyyeeffachuun waliigaltee kan uumuudha.

Adeemsa ajandaa funaanuu irraa jalqabee adeemsa sana keessatti hirmaachaa akka turan kan eeran Abbaan Gadaa kun , adeemsichi ifa, sababaa fi haqaan kan guutame ta'uu ibsaniiru.

Bakka bu'oonni uummata bakka bu'uun yaa’ii sana irratti hirmaachaa jiran wal-dhabdee siyaasaa fi garaagarummaa yaadaa turaniif furmaata waaraa qabatanii akka ba'an abdii guddaa qabaachuu isaanii dubbataniiru.

Adeemsichi rakkoolee qunnamaniif furmaata waaraa wal-amantaa hunda ta'e kan fidu ta'uu isaas amantaa guutuu qabaachuu isaanii mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015