Tamsaasa Kallatti:

Oomisha  Qamadii  Guddummaa Itoophiyaa Addunyaat Mul’ise

Qamadiin midhaan ijoo sirna nyaataa fi dinagdee Itoophiyaa keessatti gahee olaanaa qabu keessaa isa tokkodha. Galteewwan Idustirii keesattii fi oomishaalee nyaataa garaagaraa keessatti bal’inaan hojiirra oola. Itoophiyaan yeroo dheeraaf qamadii alaa galchuu fi yeroo tokko tokko gargaarsa midhaanii irratti hirkachaa turteetti. 

Hirkattummaan kun rakkoo dinagdee qofa miti. Gatiin qamadii gabaa addunyaa yoo olka’e, sharafni alaa yoo hir’ate ykn rakkoon ji’oopolitikaa fi dhiyeessii uumame, dhiibbaa kallattii sirna nyaataa irratti qaba.

Kanaaf, qamadii biyya keessatti oomishuun dhimma qonnaa qofa osoo hin taane, dhimma wabii nyaataa, tasgabbii dinagdee fi dantaa biyyaalessaa ti.


 

Waggoota dhiyoo asitti Itoophiyaan misooma qamadii keessatti jijjiirama guddaa galmeessaa jirti. Keessumaa qamadii bonaa jallisiidhaan oomishuun, lafa duraan hojii qonnaa keessatti bal’inaan hin fayyadamne gara oomishaatti fiduun, maashinoota qonnaa fayyadamuun, sanyii filatamaa fi xaa’oo ammayyaa babal’isuun oomisha dabaluuf hojii bal’aan hojjetameera.

Ragaan Ministeera Qonnaa akka agarsiisutti, misoomni qamadii jallisiin bara 2011tti hektara kuma 3 fi 500 irraatti jalqabame bara 2018tti gara hektara miiliyoona 4 olitti guddateera. Oomishni galmaa’es kuntaala kuma 600 irraa gara kuntaala miiliyoona 175 olitti guddateera.

 Jijjiiramni kun jallisii, mala qonnaa, makaanaayizeeshinii, sanyii fooyya’aa, xaa’oo, qonna kilaastaraa, qorannoo,qo’annoo qonnarratti gaggeefameen, gabaa fi xiyyeeffannoo imaammataa waliin walqabata.

Qamadii biyya keessatti oomishuun faayidaa hedduu qaba. Qamadii alaa bituuf sharafa alaa bahu hir’isa; jijjiirama gatii gabaa addunyaa irraa dhufu xiqqeessa; qonnaan bultootaaf gabaa bal’aa uuma; akkasumas warshaalee daabboo, paastaa, buskuutii, maakaroonii fi oomishaalee qamadii biroo babal’isuuf bu’uura ta’a.

Ragaan Ministeera Qonnaa akka ibsutti, Itoophiyaan waggoota dheeraaf qamadii alaa galchuuf waggaatti hanga doolaara biliyoona tokkootti baasaa turte. Oomisha biyya keessaa guddisuun baasii sharafa alaa kana hir’isuuf gumaacha guddaa qaba. Kanaaf, warraaqsi qamadii dhimma oomisha qamadii qofa osoo hin taane, dhimma midhaan nyaataan of danda’uu ti.

  

Qonna Roobaa irraa gara Qonna Jallisiitti

Qonni Itoophiyaa yeroo dheeraaf rooba irratti hirkataa ture. Roobni yeroo isaa eeggatee roobuu dhabuu, hongee fi jijjiiramni haala qilleensaa oomisha irratti dhiibbaa geessisuu danda’u.

Qamadii bonaa jallisiidhaan oomishuun ilaalcha kana jijjiireera. Lafa yeroo bonaa hojii malee turu gara oomishaatti fiduun, bishaan lageenii, kuufamaa fi maddoota bishaanii biroo fayyadamuun oomisha waggaa keessatti dabaluuf carraa uumeera.

Lafa fi Qabeenya uumamaa gara Oomishaatti

Itoophiyaan lafa olka’aa, sulula, dirree fi naannoolee bishaan jallisii argachuu danda’an dabalatee qabeenya lafaa bal’aa qabdi. Lafa qonnaa haaraa adda baasuun, keessumaa qamadii bonaaf mijataa ta’e gara oomishaatti fiduun, qabeenya lafaa fi bishaanii bu’a qabeessa ta’een fayyadamuuf carraa uuma.

Qonna Kilaastaraa fi Makaanaayizeeshinii

Oomisha qamadii guddisuuf lafa sirnaan qopheessuu, yeroo sirrii facaasuu, sanyii fi xaa’oo sirrii fayyadamuu, aramaa fi dhukkuba to’achuu fi yeroo sirrii haamuun barbaachisaadha.

Makaanaayizeeshiniin hojii qonnaa saffisisaa fi bu’a qabeessa taasisa. Tiraaktarri qophii lafaa saffisisa; kombaayinariin immoo yeroo haamaa hojii hedduu yeroo gabaabaa keessatti raawwata. Kun baasii hojii harkaa fi qisaasama yeroo haamaa hir’isuuf gargaara.


 

Qonni kilaastaraa immoo qonnaan bultoota lafa walitti dhihoo irratti karoora tokkoon akka oomishan, galteewwan qonnaa haala qindaa’een akka dhiyaatan, tajaajilli maashinii akka salphaatti argamu fi gabaan akka qindaa’uuf gargaara.

Sanyiin oomisha qamadii keessatti gahee murteessaa qaba. Sanyiin naannoo sanaaf mijatu, oomishtummaa gaarii qabu, dhukkuba dandamatu fi haala qilleensaa jijjiiramaa keessatti bu’aa kennu barbaachisaa dha.

Xaa’oonis oomisha guddisuuf murteessaa dha. Kanaaf, dhiyeessii sanyii fi xaa’oo cimsuun, qorannoo biyyee waliin deemuu qaba. Biyyee tikfachuun oomisha har’aa qofaaf osoo hin taane, oomisha dhaloota dhufuufis murteessaa dha.

Qamadii fi Birmadummaa Dinagdee



 

Birmadummaa Dinagdee jechuun biyya tokko waan hundumaa ofii isheetiin oomishuu qabdi jechu miti. Waan murteessaa ta’e irratti murtee ofii qabaachuu, rakkoo alaa dandamachuu fi qabeenya biyya keessaa sirnaan fayyadamuudha.

 Itoophiyaan fedhii qamadii ishee  Oomisha biyya keessaan yoo  guutuu  dandeesse, jijjiiramni gatii gabaa addunyaa ykn rakkoon dhiyeessii alaa sirna nyaataa irratti dhiibbaa geessisu hir’achuu danda’a.

Kanaaf, oomisha qamadii guddisuun dandeettii biyyaalessaa dhiibbaa dinagdee fi ji’oopolitikaa dandamachuuf gumaacha qaba.

Beekamtii Idil-Addunyaa


 

Milkaa’ina hojii wabii nyaataa fi jijjiirama sirna qonnaa Itoophiyaatiin walqabatee, Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad badhaasa “FAO Agricola Medal” argataniiru. Odeeffannoo FAO irraa argameen, badhaasichi Roomaa, Xaaliyaanitti Amajjii 28 bara 2024 kenname. FAOn Agricola Medal nama wabii nyaataa, hir’ina hiyyummaa, soorataa fi misooma baadiyyaa keessatti gumaacha olaanaa godheef kennamu keessaa tokko ta’uu ibsa.

Beekamtiin kun qamadii qofa irratti kan xiyyeeffate osoo hin taane, hoggansa, wabii nyaataa fi nyaata madaalammaa oomishu, misooma baadiyyaa fi jijjiirama sirna qonnaa fi nyaataa bal’aa keessatti gahee Dr. Abiyyi Ahimad hojjetan irratti hundaa’un kenname.

Wabii nyaataa fi nyaata Madaalammaa

Qamadii baay’inaan oomishuun wabii nyaataa keessatti tarkaanfii guddaa dha. Haa ta’u malee, wabii nyaataa jechuun qamadii qofa miti. Uummanni nyaata madaalammaa argachuuf Baaqelaa, Misira, Kuduraa, Fuduraa, Aannan, Dhadhaa, Foon, Killee fi midhaan garaagaraa barbaada.kunis cime itti fufu qaba.

Walii gala,  Warraaqsi qamadii Itoophiyaa jijjiirama qonnaa keessatti boqonnaa haaraa baneera. Qonna rooba irratti hirkate irraa gara qonna jallisiitti ce’uun, lafa gara oomishaatti fiduun, qonna kilaastaraa fi makaanaayizeeshinii babal’isuun, sanyii filatamaa fi xaa’oo fayyadamuun oomisha qamadii guddisuuf bu’uura cimaa uumameera.

Bilisummaa dinagdee fi wabii nyaataa waaraa mirkaneessuuf qamadiin qonna dursaa jira; qonna guutuu ammayyeessuu, midhaan garaagaraa oomishuu, bishaanii fi biyyee tikfachuu, qorannoo fi teknoolojii cimsuu, galteewwan qonnaa biyya keessatti oomishuu, kuusaa fi gabaa babal’isuu, gatii-dabalataa uumuu fi qonnaan bulaa giddu-galeessa godhachuun hojiin jalqabamee cimee itti fufu qaba.  


     

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015