Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Lafti Magaalaa karee meetira kuma 18 fi 800 ol ta'u gara Baankii Lafaatti akka deebi'u taasifame

Hagayya 14/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa xumurametti lafti Magaalaa kaaree meetirii kuma 18 fi 800 ol ta'u gara baankii lafaatti akka deebi'u taasifamuu isaa Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannichaa beeksise.

Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannichaa Abdallaa Ogatee turtii ENA waliin taasisaniin; bara baajataa xumurametti sekteroota garagaraa keessatti yakka malaammaltummaa fi hoj-maata badaa ittisuuf hojiilee ijoo raawwatamuu eeraniiru.

Dhaabbilee Mootummaa Naannichaa keessatti hoj-maata badaa dursanii ittisuuf kan dandeessisan sirna hojii qorannoo ittisa malaammaltummaa 26 tasifamuusaa ibsaniiru.

Qorannoowwan kunis; Ijaarsa pirojektiiwwan jallisii fi bulchiinsa waliigaltee,

Hordoffii daldala seeraan alaa fi sirna sassaabbii galii,Eeyyama kennuu fi hordoffii dhaabbilee yaalaa dhuunfaa, Akkasumas hojii bittaa fi gurgurtaa waldaalee hojii gamtaa fi Yuuniyeenotaa ta’uusaanii eeraniiru.

Keessattuu qabeenya lafaa irratti saamicha gahaa jiru ittisuuf tattaaffii guddaan taasifamuu yaadachiisanii; bara baajataa xumurametti lafti Magaalaa kaaree meetirii kuma 18 fi 849 gara baankii lafaatti akka deebi'u taasifamuu dubbataniiru.

Kanaanis Lafa Magaalaa Saamicha Seeraan alaa, gurgurtaa dhoksaa dalaltootaa fi hoj-maata badaa irraa oolchuudhaan gara Baankii Lafaatti galchuun lafichi hojii misoomaa yaadameef akka oolu gochuun danda'amuu isaanii ibsaniiru.

Dabalataanis sadarkaa garagaraatti uummata miliyoona 6tuqaa 5tiif hubannoo uumuu karoorfamee; uummata miliyoona 10 ol biraan gahuudhaan karoora olitti milkeessuun danda'amuu dubbataniiru.

Hubannoon kunis Seera Yakka Malaammaltummaa, seera waliigaltee bulchiinsa bittaa fi ijaarsaa, labsii qabeenya deebisiisuu, naamusa ogummaa fi hoggantummaa akkasumas toftaa ittisaa irratti xiyyeeffachuudhaan kan kenname ta'uu yaadachiisaniiru.

Filatamtoota Uummataa, muudamtoota fi hojjettoota mootummaa kuma 135 ol ta'aniif galmeessa qabeenyaa teeknoolojii dijiitaalaatiin deeggarame raawwatamuu ibsuun, bara kanattis hojiilee akkasii cimanii kan itti fufan ta'uu eeraniiru.

Akka labsii beeksisaa fi galmeessa qabeenyaa lakkoofsa 668/2002 biyyattii keessatti baheetti, muudamtoonnii fi hojjettoonni mootummaa qabeenya isaanii akka galmeessisan kan ajaju ta'uunsaa ni beekama.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015