Itiyoophiyaa fi Ameerikaan ittisaa fi nageenyarratti tumsa tarsiimawaa hundeessuuf waliigalan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Ameerikaan ittisaa fi nageenyarratti tumsa tarsiimawaa hundeessuuf waliigalan
Hagayya 15 /2018 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Ameerikaan ittisaa fi nageenyarratti tumsa tarsiimawaa hunda galeessa hundeessuuf waliigalaniiru.
Gareen jilaa Itiyoophiyaa hoggantoota loltummaa olaanoo Ministeera ittisa biyyaatti daarektara olaanaa hariiroo alaa fi tumsa loltummaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuun durfamu Hagayya 13 amma 14 /2018 Ameerikaa daawwachuudhaan gitasaanii fi hoggantoota olaanoo ministeera waraanaa Ameerikaa waliin Peentaagoonitti marii waloo gamlamee taasisaniiru.
Akka Kanaan Peentaagoonitti gargaaraa itti aanaan ministeera ittisaa dhimmoota Afriikaa Birayan J. Eliis waliin marii waloo gaggeeffameen tumsa loltummaa fi dippilomaasii biyyoota lamaanii gara boqonnaa haaraa fi olaanaatti ceesisuuf walii galaniiru.
Hoggantoonni dhaabbilee ittisaa biyyoota lamaanii tumsa dhaabbilee bal’isuu fi qindoomina tarsiimawaa caalatti cimsuuf walii galaniiru.
Tumsi tarsiimawaa kun utubaalee ijoo faayidaa biyyaalessaa fulla’aa fi fayyadama waloo mirkaneessuu, wal amantaa waloo cimsuudhaan tumsa fulla’aa hundeessuu fi gaanfa Afriikaa fi riijinii bal’aa keessatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa buusuuf tattaaffii waloo guddisuuf kaayyeeffataniin kan qajeelfamudha.
Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu fi itti aanaan gargaaraa ministiraa Birayan J. Eliis hammattoowwan irra gahaman hatattamaan hojiitti galchuu fi hariiroo ittisaa gam lame gara tumsa tarsiimawaa fooyya’aatti guddisuuf kutannoo waloo qaban mirkaneessaniiru.
Kana malees gareen jilaa kun turtiisaatiin hoggantoota dhaabbilee ittisaa Ameerikaa biroo waliin marii bal’aa fi daawwannaa taasisuusaa odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa.