Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Guddummaa Itoophiyaa kan agarsiisu dha - Hirmaattota

Hagayya 14/2018 (ENA): Yaa’iin Marii biyyaalessaa guddummaa Itoophiyaa kan agarsiisu dha jechuun hirmaattonni yaa’ichaa ibsan.

Yaa’iin marii biyyaalessaa Itoophiyaa walii galaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Giddu-gala Konvenshiinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamaa turee gara marsaa xumuraatti dhihaachaa jira.

Hirmaattonni yaada isaanii ENA’f kennan akka jedhanitti, adeemsi marii biyyaalessaa sagaleen hirmaattota hundaa kan itti dhaga'ame akka ta’uuf Itoophiyaan rakkoolee ishee ofumaan kan itti furachaa jirtu waltajjii guddaa dha jedhaniiru.

Hirmaattota keessaa dargaggoo Taarreqenyi Balaachoo yaa’iin marichaa Itoophiyaan biyya guddoo ta'uu ishee kan agarsiisu dha jedheera.

Waltajjichas kutaa hawaasaa hunda irraa walitti dhufanii Itoophiyaanota waliigalteee waloof tokkummaan kan walitti qabaman ta'uu isaa ibseera.

Adeemsi marichaa kunis biyyoota Afrikaatiif muuxannoon kan irraa fudhatan ta'uu isaa dubbateera.

Hirmaattuu biraan sharree Gannat Mallasaa adeemsi marichaa hunda-haammataa waan ta'eef akka biyyaatti waliigaltee biyyaalessaa uumuun nagaa waaraa kan mirkaneessu ta'uu isaa abdii qabdu ibsiteetti.

Hirmaattuu kan biraan Madaanit Mitikkuu akka ibsitetti marichi seenaa qabeessaa fi kan jalqabaa ta'e kun walitti bu'iinsa maridhaan furuu akka qabnu kan nu hubachiisu dha jetteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015