Naannoo Harariitti Hojiin Balaa Uumaamaa fi Nam-tolchee ittisuu fi deebii hatattamaa kennuu cimanii ittifufu - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti Hojiin Balaa Uumaamaa fi Nam-tolchee ittisuu fi deebii hatattamaa kennuu cimanii ittifufu
Hagayya 14/2018 (ENA): Naannoo Harariitti balaa uumamaa fi nam-tolcheetiin gahan ittisuu, hir'isuu fi deebii hatattamaa kennuun cimee akka itti fufu ibsame.
Manni Maree Hoggansa sodaa balaa fi kunuunsa Hawaasa Naannichaa, walga’ii Idilee isaa dandeettii balaawwan naannichatti uumaman ittisuu, hir'isuu fi deebii hatattamaa kennuu cimsachuuf kaayyeffate gaggeesseera.
Manni Marichi gabaasa raawwii hojii bara baajataa 2018, karoora bara baajataa 2019, kallattii xiyyeeffannoo gurguddoo fuulduraa fi dhimmoota waqtaawaa irratti bal'inaan mari'achuun murteewwan dabarseera.
Itti Aantuu Pirezidaantii Naannichaa fi walitti qabduu mana marichaa Aadde Roozaa Umar wayita sana akka ibsanitti; Hawaasa balaawwaniif hin jilbeenfanne ijaaruuf balaawwan uumamuu isaaniitiin dura hojiiwwan ittisaa fi of eeggannoo duraatiif xiyyeeffannoo addaa kennuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Miidhaa balaawwan uumamaa fi nam-tolchee geessisan ittisuu fi hir'isuuf tattaaffii qindaa'aa hawaasaa fi qooda fudhattootaa cimuu akka qabu dubbataniiru.
Keessattuu naannichatti hanqina roobaatiin walqabatee miidhaawwan uumamuu danda'an ittisuu fi hanqina oomishtummaa mudachuu danda'u bakka buusuuf hojiiwwan qophii duraa qindaa'an cimanii akka itti fufan ibsaniiru.
Dhiibbaan hanqina roobaa qonnaan, dhiheessii bishaanii fi damee biroo irratti dhiibbaa waan geessisuuf tattaaffii qindaa'aan akka barbaachisu dhaamaniiru.
Dandeettii ofiin wabii nyaataa mirkaneessuuf misoomsa jallisii cimsuu, omishtummaa guddisuu, kuusaa oomishaa cimsachuu fi Tiraanisfoormeeshinii qonnaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Haalli roobaa gannaa hanqina oomisha qonnaa fiduu waan danda'uuf, qonnaan bultoonni roobaan bishaan argamu sirnaan kuusuu irratti xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Dabalataanis aadaa waldeeggarsaa cimsachuu, mala qabeenya walitti hundatti fayyadamuu fi deeggarsa tajaajila dhaabbata keessatti hojiirra oolchuun akka qabu hubachiisaniiru
Mala oomishtummaa dabalan hordofuu bira darbee, sanyiiwwan midhaanii hongee dandamataniif yeroo gabaabaa keessatti gahan facaasaa, nyaata beeyladaa kuusuu fi bishaan kuusuu dabalatee tarkaanfiiwwan of eeggannoo fudhachuun barbaachisaa fi murteessaadha jedhaniiru.