Tamsaasa Kallatti:

Hawaasni Muslimaa Ayyaana Mawuliidaa Duudhaalee isaanii Eeguunii fi wal gargaaruun kabajuu qabu

Hagayya 14/2018 (ENA): Hawaasni Musliimaa Ayyaana Mawuliidaa duudhaalee isaa eeggachuun, wal gargaaruunii fi harka-qalleeyyiif dirmachuun kabajuu akka qabu Manni Maree Ol'aanaan Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa beeksise.

Ayyaanni Mawuliidaa marsaa kuma1 fi 501ffaan bara kana kabajamu sagantaawwan Amantaa fi hawaasummaa adda addaatiin akka kabajamu manni marichaa ibsa har'a kenneen beeksiseera.

Imaamaa fi kahaaxibni Masgiida Aniwaar akkasumas walitti qabaan koree qopheessituu Mawuliidaa Sheek Xaahaa Mahaammad Haaruun akka ibsanitti; Mawuliidaan fakkeenyummaa Nabiyyuu Mahaammad akka hordofnuu fi beekumsa akka gonfannu nu gargaara jedhaniiru.

 


Mana Maree Ol'aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti miseensa yaa’ii Ulamootaa Sheek Mahaammud Kariim gamasaaniitiin; Hawaasni Muslimaa ayyaana Mawuliidaa yeroo kabaju barsiisa Nabiyyuu Mahaammad hordofuun harka-qal’eeyyii fi warra gargaarsa barbaadan hunda gargaaruunii fi nagaa biyyaatiif du'aa'ii gochuun ta'uu qaba jedhaniiru.

Itti Aanaa Pireezidaantii Mana Maree Ol'aanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Mahaammad Shariif Hasan gamasaaniitiin, ayyaana Mawuliidaa bara kanaa kan adda godhu seenaa Itoophiyaa keessatti amantootni Musliimaa amantaa isaanii keessatti hogganaa isaanii erga filatanii fi heera-majliisaa qopheessanii erga raggaasisanii booda kabajamuu isaati jedhaniiru.

Manni Maree Ol'aanaan kun hawaasni Musliimaa duudhaalee ayyaanichaa eeggachuun, wal gargaaruun fi harka-qalleeyyiif dirmachuun ayyaanicha nagaa fi jaalalaan akka kabajan dhaamuun hawwii gaarii dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015