Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli tola ooltummaa yaadama mootummaa ida’amuu qabatamaan karaa agarsiisuun naannoo Harariitti hojiirra oolaa jira

Yaadamni ida’amuu, qajeeltoo tumsaa wal amantaa fi, tokkummaa fi itti gaafatama waloo cimsuun ijaarsa biyyaa saffisiisuuf kan nama onnachiisudha.

Ida’amuun yaadama humna garaagarummaa gara faayidaa walootti jijjiiru akkuma ta’e tajaajilli tola ooltummaas falaasama kana qabatamaan calaqqisiisa.

Lammiileen beekumsasaanii, yeroosaanii fi humnasaanii walitti fiduun rakkoolee hawaasaa waliin ta’uun yemmuu furan miirri tokkummaa ni cima, aadaan wal amantaas ni gabbata.

Tajaajilli tola ooltummaa bara mootummaa ida’amuutti hirmaannaa nama dhuunfaarra darbee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolaa jira.

Gama Kanaan sagantaan kun naannoo Harariitti bifa falaasama ida’amuu qabatamaan calaqqisiisuun naannoo Harariitti hojiirra oolaa jira.

Haala Kanaan waggoottan darban naannichatti hojiilee namarratti xiyyeeffatanii fi tajaajila tola ooltummaan hojjetamaniin bu’aan guddaan galmaa’eera.

Waggoottan shaman darban hojiilee sagantaalee tola ooltummaa gannaan naannichatti hojjetaman keessaa mana harka qalleeyyotaa haaromsuu fi ijaaruu, haaromsi maneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa fakkeenyummaan kan eeramanidha.

Kana malees tajaajila tola ooltummaa Kanaan biqiltuuwwan miiliyoonaan lakkaawwaman dhaabamuun gamatti tajaajilli tola ooltummaa wal’aansaa, qulqullinni naannoo fi balfa dhabamsiisuun tola ooltotaan raawwatamaniiru.

Manguddootaaf, qama miidhamtootaaf, maaddii qooduun, deeggarsi uffataa fi meeshaalee qulqullinaa akkasumas dhiiga arjoomuun bal’inaam raawwatamaa turaniiru.

Barattootaa fi maneen barnootaa meeshaa barnootaan deeggaruun, ijaarsii fi haaromsi maneen barnootaa, maneen kitaabaa gurmeessuuntola ooltotaan raawwatamaniiru.

Aadaan tola ooltummaa kun baatii gannaa kanatti tajaajiloota garagaraa 14’n kan itti fufe yoo ta’u kun ammoo misooma fulla’aaf, tokkummaa hawaasummaa fi guddina biyyaaf gumaacha olaanaa gumaacha.

Mootummaan naannoo Hararii yaadamoota mootummaa ida’amuutiin hojii namarratti xiyyeeffate utubaa yaadamasaa godhachuun hojiilee milkaa’oo eegale cimsee akka itti fufu ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015